Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kongireesiin Amerikaa nama Donaldi Tiraampi abbaa alangaa addaatiif filate, Jeff Sessions huji tana dandahuu fi dadhabuu isaa qorachaa oole


Sen. Jeff Sessions,ka abbaa alangaa addaa USA tahuuf dhiyaate Capitol Hill keessatti wa gaafatan (Amajjii 10, 2017.
Sen. Jeff Sessions,ka abbaa alangaa addaa USA tahuuf dhiyaate Capitol Hill keessatti wa gaafatan (Amajjii 10, 2017.

Doonaldi Tiraampi guyyaa 10n duubatti hujii pirezidaantummaa Amerikaa jalqaba.Kaabinee filatee qixeeffachuutti jira. Kaabinee innii dhiyeeffate hagii guddaan warra sanyiin nama jibbuu jedhanii himatan.

Nama Tiraampi abbaa alangaa addaatiif filate,Jeff Sessions hardha Capitol Hill, galma walgahii kongireesii Amerikaatti yaamanii waan hedduu gaafachaa qorachaa oolan.

Jeff Session, nama amma senetera godina Alabaamaa tahee hojajchuutit jiru nama ganna 70.Bara hujii mootummaa gara garaa hojjachaa bahetti nama gurraachaa bifaan jibbaa, baqataa hin jaalatuu fi waan hedduun himatan.

Waan innii hojjachaa bahee fi egerii biyyaa hojjatu,seera Amerikaa akkamitti mirga namaallee eegaa akka hojjatu irratti gaafachaa oolan.Adoo innii dubbii hin buufatanin namii dubbii sun caqasuuf dhufe hagii tokko ‘kun nama seera malee hojjate’ jechaa itti iyyaa dubbii afaaniti kutan.

Taatullee Jeef seera nama cufaa walqixxee taheen hojjachaa bahee hojjachuutti jirallee jedhee waan hiamtaniin mormate.Jeff Sessions nama baqataan seera malee Amerikaa dhufuu hin mallee jedhee jabeessee falmu. Nama akkuma Dooladni Tiraampi pirezidaantummaa labsateen deeggare.

Miseensotii kongireessii damee koree haqaa Amerikaa; paartii Ripaabilikaan fi Demokriaati Jeff wa gaafachaa oolan yoo itti walii galan hin filatanii tahuu baannaan hin dhiisan.

Taatullee murti hagii guddaan harka paartii isaa Rippaabilikaan jira.

XS
SM
MD
LG