Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirez.Obaamaan imimmaan xuruurrachaa nagaa dhaamatee ‘abdiitti jira’ jedhee jaalalaa fi tokkummaa labse


President Barack Obama (R) is joined onstage by first lady Michelle Obama and daughter Malia, Vice President Joe Biden and his wife Jill Biden, after his farewell address in Chicago, Illinois, Jan. 10, 2017.
President Barack Obama (R) is joined onstage by first lady Michelle Obama and daughter Malia, Vice President Joe Biden and his wife Jill Biden, after his farewell address in Chicago, Illinois, Jan. 10, 2017.
Pirez.Obaamaan imiminnaan haqachaa nagaa dhaamate
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:00 0:00

Gaafa ganna 8n duratti hujii tana itti kennan godina keessaa filatame fi keessa guddachaa dhufe ummata Chikaagootii fi nama miliyona hedduu addunyaa keesaa TV daawwatu duratti bahee abdii labse,jijjiirama dubbate, waldandeettii haasahee tokkoummaa faarse akka ummatii mirga seerii kenneefi falmatu dhaamate.

Pirezidaanti Obaamaatti himimmaan haqachaa nagaa dhaamata.Galama wal gahii McCormick Place,Chicago, Amaj. 10, 2017.
Pirezidaanti Obaamaatti himimmaan haqachaa nagaa dhaamata.Galama wal gahii McCormick Place,Chicago, Amaj. 10, 2017.

"Gurraachaa hin jiennuu,Adii hin jennu daalacha hin jennuu,paartii tanaa fi paartii sun hin jennuu dhiiraa fi dhalaa hin jennu nu akka namaatti nama tokko,” jedhe gaafa siyaasaan guddachaa oli bahe 2004 keessalleetti woma tokkummaati fi wal dandeettii labse.

Yoo kalee galgala bara pirezidaantummaa ufii fixachuuf ummata Amerikaa duratti bahee nagaa dhaamate waan bara ufii keessa ummataa hojjate,waan itti dadhabe,rakkoo akka bulchaatti keessa dabre, waan amma biyyitii keessa jirtuu fi itti deemuu dandeettu maqaa dhahaa warra waliin hojjate,maatii isaa faarsaa imimmaan ittifachaa,xuruurrachaa dubbate.

Kalee galgalallee lafuma siyaasaan guddachaa dhufe ummata Chikaagoo ka gammachuun galma walgahii guute duratti bahee dubbate.

“Kunoo qaheetti deebinee waan dansaa galata argadhaa jedhe,”pireizdaanti Obaamaan.

Pirez.Obaamaa fi jaartii isaa Misheel Obaamaa
Pirez.Obaamaa fi jaartii isaa Misheel Obaamaa

​Amerikaan akka jecha pirez., Obaamaatti haga gaafa innii pirezidantummaa fudhate irra amma wayyaa qabdii jabduullee.


Waan pirezidaanti Obaamaan bara bulchiinsa ufii faarsee dubbate keessaa; Jireenna Amerikaa wayyeessee miiala gadi dhaabuu, warshaa makiinaa Amerikaa jabeessee guddisuu,namii miliyoona lama caalu huji argachuu, mootummaa Kuubaatiin walti araaramuu,warshaa nukileera Iraan ado qawween hin tokkahin cufsiisuu,itti gafatamaa guddaa al-qaayidaa, Osaamaa Binlaadin ijjeesuu,nama Amerikaa miliyoona 20 tahuu wabii fayyaa isaanii kennuu fa.

Waan demokiraasii Amerikaa irratti ammoo akka namii Amerikaa waan irratti walii galuu irratti dubbatu gaafate.Demokiraasiin ammoo “waan yoo cufa irratti walii galuuf eegatiiniti miti,” jedha.

Obaamaa fi itti aanaa isaa Joo Baayden
Obaamaa fi itti aanaa isaa Joo Baayden

​Pirez. Obaamaan demokirasin Amerika gama mala jireennaatii fi gama nama akka namaatti walqixxee laaluu dhabuutti balaa keessa jirti.

Amerikaan biyya qabeennaan badhaate, addunyaa irralleetti durummaan beekmati qabeenna kana keessaa akka ummatii cuftii wal qixxeetti faaydaa qabaatu mootummaan nama cufaa faaydaa walqixxee kennuu male.

Obaamaan ammallee waan jabdu ummata Amerikaatti dhaamate.Waan hin tolchina jenne ya tolchine.

Pirez.Obaamaa fi qabsaahaa mirga namaa,Jeesii Jaaksen
Pirez.Obaamaa fi qabsaahaa mirga namaa,Jeesii Jaaksen

​Ummata Amerikaatin ammoo dhugaa fi haqa abbootiin Amerikaa yayyaban durii barreessanii lafa nu kaahaniin jabeessinee hojjachuu malle jedha.

“Dhugaa abbootiin Amerikaa yayyaban galmeessanii lafa kaahan,dhugaa garbootaa fi warrii akka garbummaan haftu garaa keessatti gungume,ka baqattootaa fi warri dhugaa barbaadu sirbaan dubbate,jabeenna loltootii teenna dirree waraanaa fi ji’a gubbaa koranii alaabaa Amerikaa dhaabaniin, dhugaa namii Amerikaa garaa qabu afaanii baafatee hin barreeffaminiif cufaa walti qamnee eeyee hinuma dandeenna isaniin jedha.”

Eeyee akkuma jennee hinuma dandeenna jennee eeyee ya tolchin(Yes we can! Yes we did!) jedhee nagaa dhaamate pirezidaantiin Amerikaa 44essoon,Baraak Obaamaa.

XS
SM
MD
LG