Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaa Mootummootaatti Jilli Addaa Ka Somaaliyaa Waa’ee malaa-mmaltummaa Akeekkachiisa Kenne


Ambaasaaddar Maayikil Kiitiing
Ambaasaaddar Maayikil Kiitiing

Qaamni filannoo prezidaantummaa Somaaliyaa baatii dhufu – gaafa Guraandaha saddeetii geggeessamu qideessu – ennaa kaadhimamtoota galmeessaa jiru kanatti, Tokkummaa Mootummootaatti jilli addaa ka Somaaliyaa waa’ee malaa-mmaltummaa irratti akeekkachiisa kennan.

Magaalaa Niwu York irraa ibsa addaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin kan kana dubbatan – Maayikil Kiitiing, “filannoo walabaa fi madaalawaa geggeessuun hedduu barbaachisaa dha” – jedhu.

Itti-fufuudhaanis, “wanni gaddisiisaan, hawaasa Somaaliyaa keessatti malaammaltummaan hidda dheereffatee jira. Filannoon biyyattiis kana agarsiisa.” Jedhanii, deemsa paarlaamaa fi keessumaa --- waa’ee sagalee maallaqaan bituu irratti yaaddoon guddaan waan jiruuf, dhimma kanatti ilaalchi cimaan kennamee filannoon walabaa fi madaalawaan geggeessamuu akka qabu, dhiibbaa malaammaltummaa xiqqeessuuf akka hojjetamuu qabu hubachiisan.

“Prezidaantii haala sirna-qabeessaan filatame arguu barbaadna.” Jedhanii, yoo kun ta’uu dhaa baatee, haala amma mul’ataa jiruun, haala walabaa fi madaalawaa hin taaneen prezidaantiin filuun yaalame, fedhii fi dandeettii hawaasni Addunyaa prezidaanticha waliin hojjechuuf qabu daangessuu akka malu akeekkachiisan – aangawaan Tokkummaa Mootummootaa kun.

XS
SM
MD
LG