Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii AFCON bara 2017 biyya afuritti walti hafe ammaan tana Burkiinaa Faasoo fi Masriitti tapachuutti jira


Supporters of Burkina Faso cheer during their African Cup of Nations (AFCON 2013) quarter-final soccer match against Togo at the Mbombela Stadium in Nelspruit, February 3, 2013. REUTERS/Thomas Mukoya (SOUTH AFRICA - Tags: SPORT SOCCER) - RTR3DB6J
Supporters of Burkina Faso cheer during their African Cup of Nations (AFCON 2013) quarter-final soccer match against Togo at the Mbombela Stadium in Nelspruit, February 3, 2013. REUTERS/Thomas Mukoya (SOUTH AFRICA - Tags: SPORT SOCCER) - RTR3DB6J
Burkiinaa Faasoo fi Masriin taphachuutti jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:44 0:00

Caphaa hidhatanii buqqa'aa dhidhiibatanii itti deebihuutti jiran.Biyya 16n keessaa amma afuritti walti hafe.

Dorgommii waanca kubbaa miilaa Afrikaa 31essoo Gaabonitti itti jiran taan fixuuf fagoo hin jiran.Marroo 28 tapahtanii goolii 58ti gale.

Maqaa kilabootii biyyooleessa isaanii baafatan yoo hiikaa isaanii afaan keennaan isanti himne Koromtoo Aljeeriyaa, A’arba Ayvori Kosti,Nyeenca Morookoo fi DRC faatii qaata keessa galan.

Hurjii gugurraaleen Gaanaa barana warra waltu hafe afran keessa tokko. Akkanuma jechaa biyya 16 amma afur walti hafan.

Warrii walti hafe,hurjii gugurraalee Gaanaa,Fardoo Cocollee Bukiinaa Faasoo, Moototii Masrii fi Nyenca Korma Kaameruun fa.Jari hardha waliin taphatu kun dorgommi tana irratti moohamee hin beeku.

Bukiinaa Faasoon sadarakaa FIFAn barana baasetti addunyaa keessaa 53essoo Afrikaa keessaa ammoo 8essoo.Masriin sadrakaa FIFAtti addunyaa keessaa 35essoo Afrikaa keessaa ammoo sadeessoo jirti.

Masriin bara 1986 Morokoo bara 1998 ammoo Burkina Faso bara 2006 ammoo Senegaal bara 2008 ammoo Ayvori Kosti moote,2010 ammoo Aljeeriyaa mootee shaampiyoonaa taate.

Ijoolleen Burkiinaa Faasoo abdattu ka jarii kubbaa akka bineensa dirree keessa adamsaa ta akka Jonathan Pitroipa,ganna 4n duratti best player of the year jedhanii badhaasan fi gurbaa isii Spanish taphatu, Jonathan Zongo warra tapha hardhaa hin dhufanii jedhanii sodaatan.

Ilmaan Masrii, Mohamed Elneny kilabii Arsenal keessa horii miliyona hedduutiin bitatan kaanillee miilaatti dhukkubaa taphachuu hin dandahu.

Woma taateefuu jarii lachuu Masrii fi Burkiina Faasoon amma tapachuutti jiran.Masrii shaampiyoona AFCON ta ganna torbaa tana eennuutti lafaan gaha?

Burkiinaa Faasoon ammoo takkuma AFCON mootee hin beettu.Bara 1998 keessaa sadarakaa afreesso baate.Bara 2013 ammoo biyyoota afran walti hafan taate malee dheebuu bara hedduu qabdi.

Warrii bara afur shaampiyoonaa AFCON tahe lamaan Kameroon fi Gaanaan ammoo bori walti bu’a.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG