Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uggurri Raashiyaa Irra Kaa’ame Ka’uu Dura Kongresiin Raggaasisuu Qaba: Seera Tumtoota


Uggurri Raashiyaa Irra Kaa’ame Ka’uu Dura Kongresiin Raggaasisuu Qaba: Seera Tumtoota
Uggurri Raashiyaa Irra Kaa’ame Ka’uu Dura Kongresiin Raggaasisuu Qaba: Seera Tumtoota

Gareen seera tumtoota Ameerikaa bulchiinsi Traamp uggura Raashiyaa irra kaa’amee jiru utuu Kongiresiin hin mirkaneessin akka hin kaasne seera ittisu baasan.

Flynn ambaasaaddora Raashyaa waliin dhoksaatti mari’achuun dhiyeenya saaxilamuun seerri kun ba’uun barbaachisaa taasisee jira jechuu dhaan miseensa mana maree kan ta’an Adam Schiff tuuta oduuf ibsaniiru.

Marii Flynn geggeessan kamuu haa ta’u prezidaantichi uggura Raashiyaa irra jiru kaasuun eeyamamuu hin qabu.

Chiff akka jedhanitti dura taa’aa garee basaasaa Devin Nunes waliin kaleessa wal arganii hariiroo Flynn Raashiyaa waliin qaban akkasumas jiddu seeninsa Raashiyaa kan yeroo filannoo akka qoratamu mari’ataniiru.

XS
SM
MD
LG