Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Gorsaa Naga Eegumsaa Aangoo Irraa Kaasaniif Falman


Traamp Gorsaa Naga Eegumsaa Aangoo Irraa Kaasaniif Falman
Traamp Gorsaa Naga Eegumsaa Aangoo Irraa Kaasaniif Falman

Prezidaant Doonaald Taamp kan jalqaba torban kanaa aangoo irraa kaasan gorsaa naga eegumsaaf falmuu dhaan Michel Flynn haasaa isaan ambaasaaddera Raashiyaa waliin mari’atan kan dhaabi basaasaa seeraan ala ifa taasiseef saaxilaman jedhan.

Flynn guyyoota 24f aangoo irra erga turanii booda Traamp maaliif aangoo akka gad dhiisan dhiibbaa godhaniif garuu hin dubbanne.

White House akka jedhetti prezidaantichi tarkaanfii kana kan fudhataniif jeneraalicha duraanii irraa amantaan jiru waan nyaatamaa adeemeefi.

Akka hamaatti ilaalamuun isaa nama gaddisiisa jedhan Traamp. Odeeffannoon dhaaba basaasaa biraa biliqee ba’e. kun immoo tarkaanfii yakkaa ti. Ana duras hojjetamaa ture kan ammas itti fufee jiru jedhan.

XS
SM
MD
LG