Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Trumpii fi Muummichi Ministeeraa Israa’el Mareef Gad Taa’an


President Donald Trump speaks during a news conference with Israeli Prime Minister Benjamin Netanyahu in the East Room of the White House in Washington, Feb. 15, 2017.
President Donald Trump speaks during a news conference with Israeli Prime Minister Benjamin Netanyahu in the East Room of the White House in Washington, Feb. 15, 2017.

Prezidaant Donald Traampii fi muummichi ministeeraa Israa’el Benjamin Natanyaahuu marii White Housetti geggeessaniin ergaa tokkummaa erga dabarsani booda koreen Senatii immoo kan Traamp filatan Israa’elitti ambaasaaddore US raggaasisuuf dhuga ba’umsa dhaggeeffatuuf jira.

Koreen hariiroo alaa Senetii kan qubsuma Israael ijaartu deggeranii fi embasiin US kan Isra’el Tel Aviv irraa gara Jerusalemitti akka darbu falman ogeessa seeraa David Friedmaniif gaaffii dhiyeessuuf jira.

Gareen ambaasaaddoroota duraanii kan bulchiinsa prezidaantii Republikaanotaa fi Demokraatotaa aangoo sana qabatanii turan Friedman ejjennoo leellistummaa qabu jechuu dhaan koree murtii haqaaf xalayaa erganii jiran.

Bulchiinsi Traamp immoo Friedman-n akka ambaasaaddoraatti gamasii qabaachuun hariiroo US fi Isra’eliif akka fakkeenyaatti fudhatama jedhee jira.

Tramp filmaata Faalixiin biyya of dandeessu akka taatu jedhu ilaalchisee yaada madaalawaa qabaachuu dubbatan. Gam lamaaniittu kan qaamoti lamaan itti walii galan nan deggera jedhan Trump.

XS
SM
MD
LG