Xurree ittiin seenan

Breaking News

​Walitti Bu’iinsi fi Abbaan Irrummaa Dhiittaa Mirga Namaa Afriikaa Hammeessaa Jiran: Amnestii


Namoonii lammii Naayjeeriyaa Afrikaa Kibbaa Keessa jiraatu yeroo reeban, Pritooriyaa, Guraandhala 18, 2017
Namoonii lammii Naayjeeriyaa Afrikaa Kibbaa Keessa jiraatu yeroo reeban, Pritooriyaa, Guraandhala 18, 2017

Dhiittaan mirga namaa addunyaa fakkeenyaaf kan biyyootii 11 keessaa hammaataa adeemuu Amnesty Internationalitti directorri naannoo Gaanfa Afriikaa fi Hara gurguddaa Muthoni Wanyeki beeksisaniiru.

Dhugumatti dhiittaa mirga namaa lammiiwwan irratti geggeessamu dabalaa deemuu isaa haaluu hin dandeenyu. Haala Burundii, Ertraa, Itiyoopiyaa kanneen labsii yeroo hattamaa jala jiranii ennaa ilaallu. Kenyaan immoo harka lafa jalaan haleellaa, fi dararaa kanneen mirga namaaf falmani irra ga’u, Sudaan kibbaa keessaa jamaa walitti qabanii hidhuu, Sudan fi Tanzaniyaa keessaas akkasuma jedhan Wanyeki-n.

Abbaan irrummaa hammaataa adeemuu, walitti bu’iinsa, hiriirtota nagaa irratti haleellaa raawwatamu, muddama siyaasaa, jibbiinsa gosootaa kanneen dhiittaan mirga namaa Afriikaa keessaa ittiin geggeessamu ta’uu Amnestyn beeksisee jira.

Wanyekin akka jedhanitti haalli biyyootii Afriikaa hanga tokkoo immoo sababaa hoogganoonni aangootti cichaniif yaaddessaa dha.

XS
SM
MD
LG