Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Bajata Waraanaaf Oolu Dabalanii Jiru


Prezidaant Traamp Bajata Waraanaaf Oolu Dabalanii Jiru
Prezidaant Traamp Bajata Waraanaaf Oolu Dabalanii Jiru

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donaald Traamp baajata ykn maallaqa federaalaa keessatti baasii ittisa biyyaaf ooluu isa durii caalaatti dabalanii jiru.Ministeera dantaa alaa fi dhaabatootii kanneen biroo kan akka dhaabata kunuunsa qilleensa naannoo irraa bajata ramadamu hanqiisan Traamp.

Angawoonni bulchiinsaa akka jedhanti Waayit Haawuus baasii mootummaa Federaalaaf mul’ata qabu kan ilaaleen kaleessa dhaabaatoota adda addaaf har’a yaadachiisa ergee ture.Waajirri bulchiinsaa fi Baajataa akka jedhutti walakeessa baatii Bitooteessa dhufuutti Bajata lafa ka’ame guutummaatti dhiyaachuuf jira.

Prez Traamp duula na filadhaa yeroo gaggeessanti baasii waraana biyyattiif ramadamu ka dabalan ta’u dubbatanii turan. Jimaata darbees haasawa dhageesisaniin seenaa Amerikaa keessatti waraana beekamaa ta’e kan ijaaruuf jiran ta’u dhaadatan.

XS
SM
MD
LG