Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsi US Gad Xiqqaachuun Nu Yaaddesse: Angawoota Gargaarsa Afriikaa


Gargaarsi US Gad Xiqqaachuun Nu Yaaddesse: AngawootaGargaarsa Afriikaa
Gargaarsi US Gad Xiqqaachuun Nu Yaaddesse: AngawootaGargaarsa Afriikaa

Angawaan gargaarsaa akka jedhanitti bajati akka kutamuuf gaafatame kun biyyootii kanaa fi kanneen biroof balaa dha.

US biyya tokkicha sagantaa nyaata addunyaa WFP deggeru ennaa ta’u waggaa darbe doolaara biliyoona lamaa ol gumaache.

Yeroo rakkinaa akkasiitti jedhan Dubbi himtuun WFP kan damee gaanfa Afriikaa Challiss McDonough jaarmoliin gargaarsaa kana kana duraa caalaa gargaarsa barbaadu.

Kutaa Sudaan kibbaa hanga tokko keessatti beelli akka jiru labsdameera. Gandeen fagoo uummati kummi 20 keessa jiraatu keessatti WFPn midhaan gargaarsaa inni qilleensa irraan gad buuse xiqqoo dha.

Gargaarsi akkasii kun ergamu malee xayyaaronni kun nyaata deedeebisuuf hin sosso’an taanaan uummatichi dhugumatti homaa hin qabu jedhan.

Isaanii fi balaa uumame gidduu waanti jiru gargaarsa midhaan nyaataa nuti geessinuuf qofa.

Balaa nuti jennu kun bajati US sagantaa gargaarsa sadarkaa addunyaa kan akka USAID irraa dhibba irraa harka 30 akka gad xiqqaatu gaafata.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Gargaarsi US Gad Xiqqaachuun Nu Yaaddesse: AngawootaGargaarsa Afriikaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:46 0:00

XS
SM
MD
LG