Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaa Seeraa Prezidaant Doonaald Traamp Mana-murtii Muummichaa Biyyattiif Kaadhiman Mirkaanessuuf Qorannaan Jalqabame


Neeyil Goorsach, Abbaa Seeraa Prezidaant Doonaald Traamp Mana-murtii Muummichaa Biyyattiif Kaadhiman
Neeyil Goorsach, Abbaa Seeraa Prezidaant Doonaald Traamp Mana-murtii Muummichaa Biyyattiif Kaadhiman

Manni-maree murtii-seeraa Yunaayitid Isteets – nama prezidaant Doonaald Traamp mana-murtii muummichaa biyyattiif kaadhiman – Neeyil Goorsach mirkaanessuuf qorannaa geggeessamu, marsaa duraa har’a jalqabee jira.

Abbaan-murtii Antooniin Iskaalaiyaa Guraandhala, bara 2016 du’anii booda, manni-murtii muummichi abboota murtii sagal silaa qabaachuu male keessaa tokko hanquudhaan geggeessamaa ture.

Idoo sana guutuuf jecha, namni Prezidaantii duraanii Baraak Obaamaan dhiheeffamanii turan – Abbaan-murtii Meetrik Garlaand, mana-maree murtii seeraa Ripublikaanonni sagalee wayyaba keessatti qabaniin otuu hin raggaaisamiin hafan.

Gorsachii fi miseensonni mana-maree murtii-seera har’a haasawa baninsaa kan godhan yoo tahu, boorii fi iftaan immoo, gaaffiilee tu Goorsaacghiif dhihaata – jedhama.

Senetii Yunaayitid Isteets keessatti, Ripublikaanonni barcuma 52, Dimookiraatonni immoo barcuma 48 qaban.

XS
SM
MD
LG