Xurree ittiin seenan

Damaaskus Siiriyaatti Loltoonni Mootummaa Finciltoota Irratti Haleellaa Banan

  • VOA

Damaaskus Siiriyaatti Loltoonni Mootummaa Finciltoota Irratti Haleellaa Banan

Damaaskus Siiriyaatti Loltoonni Mootummaa Finciltoota Irratti Haleellaa Banan

Loltoonni mormitootaa, ka Siiriyaa – akkaataa hin eegamiinitti, eega gandeen Kaaba-baha magaalaa Damaaskus mootummaan qabataman irratti haleellaa bananii guyyaa tokkoo booda, humnoonni mootummaa har’a fincciltoota irratti haleellaa bananii jiran.

Har’a xayyaarota waraanaa magaalaa Damaaskus irra bobba’an arguu isaanii kanneen dubbatan – jiraattonni magaalattii, xayyoota sun garuu, ka mootummaa Siiriyaa yokaan kan michuu isaa – ka Raashiyaa ta’uu adda-baasanii hin dubbanne.

Bakka kaleessa riphxee-loltoonni Boombii konkolaatota lama dhoosuu fi haleellaa of wareeginsaa geggeessuun lola itti jalqabanii gamoolee hedduu dhuunfatan – ganda Jobaar dabalee, gandeen hedduutti xiyyeeffatee geggeessame – haleellaan humnoota mootummaa Siiriyaa kun.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG