Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Biilsa Paarlaamaa Briteen Cinatti Raawwate Gocha Shorokeessummaa ti: Angawoota


Haleellaan Biilsa Paarlaamaa Briteen Cinatti Raawwate Gocha Shorokeessummaa ti: Angawoota
Haleellaan Biilsa Paarlaamaa Briteen Cinatti Raawwate Gocha Shorokeessummaa ti: Angawoota

Biilisi paarlaamaa London erga angawoonni balaa dhaqqabe gocha shororkeessummaa ti jedhanii booda danqamee oole.

Namni haleellaa sana raawwate nama ummurii giddu galeessaa yoo ta’u utuu poolisiin itti hin dhukaasin dura angawaa poolsii tokko haalbee beetee tureen waraane.

Angawaan poolisii gameessi tokko
VOAf akka ibsanitti haleellaa sana nama tokko qofaatu raawwate.

Jalqaba irratti konkolaataa isaa riqicha Westminister jedhamu kan biilsa paarlaamaa cina jiru irra oolfa ture. Konkolaataan sunis bakka namni adeemaa turetti maquu dhaan kanneen miillaan deemaa turan hedduu rukute.

Dubbi himaan tajaajila Ambulaansii London akka jedhanitti riqicha sana irratti yoo xiqqaate namoonni 8 madaa’anii jiran. Gabaasi haaraa ba’e akka jedhutti nama riqicha sana irratti rukutame keessaa tokko du’ee jira.

XS
SM
MD
LG