Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Masrii Duraanii Hidhaa Dhaa Gad Dhiisaman


Ousted former Egyptian President Hosni Mubarak
Ousted former Egyptian President Hosni Mubarak

Kan bara 2011 kessa geggeessame warraaqsa Arabootaatti aansuu dhaan waggoota ja’aaf mana hidhaa fi hospitaala kan turan presidentiin masrii duraanii Hosnii Mubaarak gad dhismaniiru.

Mubaarak Hospitaalaa waraana keessa kan gad dhiisaman har’a ture.

Mubaarak hookkara biyyootii Araba ka birootti babal’atetti aansuu dhaan hoogganaa biyyaa tokkicha murtiitti dhiyaatani.

Hookkara guyyootii 18f tureen hiriirtota nagaa irratti ajjeechaan akka raawwatu kakaastan jedhamuun kan himataman ennaa ta’u himannaalee ka biroonis irratti dhiyaatanis booda irra garuu ni hambifaman.

Dhiyeenya immoo himannaa ajjeechaa irras walaba ta’uutu murtaa’eef. Har’a kan gad dhiisaman Mubaarak yero ammaa ganda dureenyii Heeliyoo Poolis jedhamu kan jiru mana jireenyaa isaanii keessa boqonnaa irra kan jiran ta’uu Abukaatoon isaanii mirkaneessaniiru.

XS
SM
MD
LG