Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doonaldi Tiraampi Pirezidaanti Masrii deeggaruuf waadaa galeef


Abedel Fattaa(bitaa) fi Tiraampi(mirga)
Abedel Fattaa(bitaa) fi Tiraampi(mirga)

Mootummaa Amerikaatii fi ka Masrii siyaasaa,dinagdee fi nagaa naannoo waliin eeguu irratti bara hedduu waliin hojjachaa bahan.Afrikaa keessaa biyyitii gannuma gannaan doolara biliyoona tokko oli argan keessaa Masriitti ta duraati.

Fakkeennaaf bara 2013 keessa Amerikaan waraana Masrii gargaaruuf doolara biliyoona 1 fi miliyoona 500 kenniteef.

Akkuma kanaan Pirezidaantiin Masrii Abdell Fattaa El Siisii kalee bulchiinsa mootummaa Amerikaa White House keessatti pirezidaanti Tiraampiin wal dubbatee waliin hojjachuuf waadaa walii galan.


Akka jecha Tiraampitti pirezidaantin Masrii nama bara jabaa keessatti akk malee waan dansaa hojjachuutti jiru.

Amerikaan Masriif gargaarsa waraanaatii fi jara biyya nagaa dhowwu jedhan loluuf ammoo waan isiin feetu kenniteefii jedhee waadaa galeef Tiraampi.

"Waraana keenna irra deebinee akka dansaa humna horachiisuutti jirra.Akka herrega kiyyaatti haga takka arganii hin beenne humna itti tolchuutti jirra. Wannii nu feenulleen tanuma.Wannii ani siin jechuutti jiru obboo pirezidaantii, hariyaa fi waahela dansaa US keessaa fi ana irraayyuu qabda.”

Pirezidaantiin Masriilleen qalblii jabduu Tiraampi jara biyya nagaa dhowwu irratti duuluuf qabuu jedheen faarsee waliin hojjachuuf waadaa galeef.Abdel Fattaalleen akkana jedhe.

“Anaa fi Masrii yoma feetu cufaa ufi bira nu hin dhabdu.Jara biyya nagaa dhowwu irratti qabsaahuuf jabeennaa fi qalbii diriirteen waliin jirra.”


Masriin fi USA duruu jabana Obaamaallee nagaa biyya lamaanii waliin eeguuf walumaan hojjatan.Taatullee akka ogeessii siyaasaa Jiddu Gala Bahaa,Paul Salem jedhutti qalbii ittiin wal dubbataniin gargar jirti.

“Hubadhi.Bara bulchiinsa Obaamaattuu walumaan hojjachaa bahan taatullee gargaarsii Amerikaan gama odeeffannoo nagaa waliin gahuutii fi hariyummaa siyaasaa biyya lamaaniitiin jidduutti dhaabate.”

Masriin biyya Arabaa keessaa guddoon isii. Fala araaraa Israahelii fi Jiddu-Gala Bahaalleef yoo hedduu isii abdatan.Siyaasaa fi hariyummaa Liibiyaa fi Siiryaallee akka Paul Salem jedhutti Masrii waan hedduun abdatan. ISIS hadhuufillee qoodii Masriin naannoo tana irratti qabdu guddaa.Tanaaf naannoo tana keessaa biyya Amerikaa hariyaa taaty hedduu qabaachuuf mariitti jiraa jedha,Paul.

Taatullee karaa pirezidaantiin Amerikaa ka ammaa kun nagaa jidduu galaa bahaatiif dhahuuf ittin jiru nama hedduu hin quubsu.

Ogeeyyotii hedduun fkn embaasii Amerikaa Televaavii baasanii lafa Israahelii fi Paalestaayin irratti wal dhabanii ammallee falamaa qabdu, Jerusaalem geessuun fala araaraa itti jirtu kanaa fi qooda Masriin naannoo tanaaf qabdu irraa diqqeessaa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG