Xurree ittiin seenan

Oromiyaatti nama miliyoona 2 olitti gargaaraa eegataa bonaa fi oolaan ammoo horii kuma hedduutti dhumate jedhan

  • Soraa Halakee

Oromia map

Bonaa fi oolaan Afrikaa gama Bahaa akka dhaabii Tokkummaan Mootumotaa ummataan gargaaruu (OCHA)n jedhutti nama miliyoona hedduu beelessee dheebesse.

Obboo Mokonnin Leenjisaa Koomishineera Koomishiinii Yaaddoo Balaatii fi Qophaahinaati.Akka jecha obboo Mokonninitti nama miliyoona 2 fi kuma 49 fi 871 gargaarsa eegata.

“Aanaa haga gandaa fi ollaa gadi bu’anii qoratan.” Lakkoofsa kana ji’a lamaan duratti baasan.

Keessattu rakkoon bokkaa dhabiitiin fidde tun tun godina Harargee lamaan,godina Gujii lamaan,godina Booranaa fi Baaleetti hammaatti.

Akka jiraattotii godina Booranaa fi Gujii keessaa dubbifne jedhanitti naannoo isaanitti horiin du’uu bira dabree dhumuutti jira.“Kuma hedduutti dhumate.”

Obboo Mokonnin ammoo mootummaan naannoo,ka Federaalaa fi ummatilleen rakkataa gargaaruutti jiraa jedha.

Akkuma kanaan mootummaan naannoo Oromiyaa qoftii qarshii miliyoona 100 fi miliyoona 86 ramadee ummataaf marraa fi bisaan,qorsaa fi gargaara akka akkaa kennuutti jira.Akka jecha obboo Mokonninitti rakkoon tun humnaa olii mitii.

Naannoon horsiisee bulaa ganna lamaan dabran bokkaa haga fedhan hin arganne.Keessattuu akka jecha obboo Mokonninitti rakkoon tun aanaleen godian Booranaa 13nu keessattu guddoo hammaatte.

Akka jiraattoti jedhanitti godina kanatti loonii fi re’ee kuma hedduutti dhumate taatullee koomishineeri Mokonnin lakkoofsa horii dhumatee,ijollee tanaaf jettee manneen barnootaa keessaa yaatee “ammatti harkaa hin qabu.”

Taatullee akka ijoolleen manneen barnootaatti hin yaane manneen barnootaa keessatti qallabuutti jirraa jedha obboo Mokonnin. “Gargaarsa hawaasaa ka ummatii wal gargaaru abdanna.”

Bonaa fi oolaan kun Booranatti horii kuma heddu fixe akka jaarsii biyyaa Borbor Bulee jedhutti.

“Nuu takkuma bara keennatti waan akkanaa argineetuu hin beennu.Reeffa horiitiifuu fulaan bahan hin jirtu.Yoo bokkaan guddaan dhufellee horiin irraa hin hafu.Bokkaan diqqaan amma roobelleen Ree hedduu fixee. Waacillee, Goomolee, Goobsoo, Dhoqqollee, Areeroo,Goorrayii fi Dilloo horii hedduutti dhume.”

Wannii dhibin horiin du’uuniitt jiru Ooyyalee fi Sombeessaa.

Ooyyalee, dhukkbua qeencaa fi arraba horii madeessu.Sombeessa, dhukkuba horii hafuura kutee,somba babarricha itti tolchu.

Aaanaaleen horsiisee bulaa Gujiilleen warra oolaa fi bonaan rakkate keessaa tokko.Aabba Godaanaan, namii godina Gujii Dhiyaa aanaa Liiban keessaa dubbifnelleen gara isaaniilleetti rakkoo hamtuutti jiraa jedha.

“Aanaa Liiban,aanaa Gooroo-Doolaa, aanaa Gumii Eeldalloo,Gannaalee faati aanaalee rakkoon tun itti hammaatte keessaa tokko.”

Gama kaaniin ammoo “horiin waan nyaatu dhabee biyyee fi udaan harree nyaata.”Bokkaa dhiyoo roobe horii duruu garaa keessaa womaa hin qamne dhaamochiisee hollachiisee keessattu Re’ee hedduu fixe,” jedha aabba Godaanaan.

Aanaalee Gujii keessatti wannii horiin du’uuniitt jira jedhan Sombeessa, Hudhaa, Citaa fi Albaati

“Horiin waan nyaatu dhabee muka aannoo nyaataa kanatti albaasa.” Gargaarsii jirulleen akka jiraattotii jedhanitit gahaa miti.

Horiin du’ee jechuu mannaan qaata dhumatee badee,reeffa horiitiifuu karaan bahan hin jiru jedha warri nu dubbifne.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG