Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beelli Mudate Afriikaa Keessaa Lubbuu Hedduu Galaafachuu Mala Sodaa Jedhu Uume: UNHCR


Beelli Mudate Afriikaa Keessaa Lubbuu Hedduu Galaafachuu Mala Sodaa Jedhu Uume: UNHCR
Beelli Mudate Afriikaa Keessaa Lubbuu Hedduu Galaafachuu Mala Sodaa Jedhu Uume: UNHCR

Tokkummaan mootummootaa fi jaarmoliin gargaarsaa sababaa beelaatiin gaanfa Afriikaa, Yemen, Nigeria, fi sudaan Kibbaa keessaa namoonni hedduun du’uu malu jechuun akeekkachiisan. Hanqinni maallaqaa immoo gargaarsa namoomaa daran hammeessa jedhameera jechuun Lisa Schlein Geneva irraa gabaasteetti.

Jaarmoliin gargaarsaa beela bara 2011 keessa gaanfa Afriikaa dha’ee namoota kuma 260 ol walakkaan isaanii ijoollee umurii shanii gadii galaafatetu ammas isaan yaaddessaa jira.

Balaan akkasii akka irra deebi’u hin fedhan, garuu rakkoo gargaarsa namoomaa yeroo ammaa Yemen, gaanfa Afriikaa fi biyyootii hollaa jiranii haala jiru daran hammeessuuf jira.

Jarmyaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa akka gabaasetti beellii fi waliti bu’iinsi namoonni hedduun nyaataa fi bakka dahatan barbaacha biyyuma ofii keessatti qe’ee ofii irraa akka godaanan akkasumas daangaa qaxxaamuranii akka baqatan dirqisiise.

Dubbi himaan UNHCR Adrian Edwards lakkoobis baqattootaa ol akkaan dabale jedhan.

Oomishi midhaanii walitti aansaa hin milkaa’in hafe. Walitti bu’iinsi Sudaan Kibbaa keessaa hongeen wal qabatee beelaaf baqattoonni biyyaa akka yaa’aiif sababaa ta’e, sabatiinsi dhabamuun Somaaliaa keessaa biyya ofii keessatti kanneen qe’ee ofii irraa godaanan akka heddummaatan taasise. Miidhaan hanqina nyaata madaalawaa keessumaa kan ijoollee fi haadholii harma hoosisanii ni hammaate jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Beelli Mudate Afriikaa Keessaa Lubbuu Hedduu Galaafachuu Mala Sodaa Jedhu Uume: UNHCR
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:25 0:00

XS
SM
MD
LG