Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hariiroon US fi Raashiyaa Fooya’aa Laata?


Ministira haajaa alaa Ameerikaa Reex Tillerson fi ministira haajaa alaa Raashiyaa Sergey Lavrov, Raashiyaa, Ebla 12, 2017
Ministira haajaa alaa Ameerikaa Reex Tillerson fi ministira haajaa alaa Raashiyaa Sergey Lavrov, Raashiyaa, Ebla 12, 2017

Hariiroon US fi Raashiyaa gidduu jiru fooyya’uu fi dhiisuu isaa himuuf yeroon isaa amma miti jedha Kremlin.

Kun kan dhaga’ame przidaant Vladmir Putin fi ministeera dhimma alaa Raashiyaa Sergei Lavrov ministeera haajaa alaa Ameeerikaa Rex Tillerson waliin marii sa’aatileef geggeessan booda.

Dubbi himaan Putin Dmitry Peskov akka jedhanitti haalli marii Moscow keessatti geggeessamee hanga tokko gaarii dha, biyyoonni nuklera hidhatan addunyaa guddichi lamaan furmaata barbaaduuf jecha marii geggeessuu isaanii calaqqisa.

Garuu Putin hariiroo isaanii boodanaa maaliif danqaa akka qabaate Washingtonf gaaffi akka dhiyeessan illee Dmitryn dubbataniiru.

Keessumaa falmii waa’ee meeshaa keemikaalaa Siiriyaan fayyadamtaa fi haleellaa misaayilaa prezidaant Traamp ajajan irratti booda hariiroon sun maaliif akka danqame illee gaafachuuf jiru jedhan.

Traamp har’a ergaa Twitter irratti maxxansaniin Ameerikaa fi Raashiyaa gidduu haalli jiru gaarii ta’a jechuun abdachuu isaanii beeksisan.

Putin immoo gaaffii fi deebii TV biyya isaaniif kaleessa kennaniin erga Traap baatii sadii dura aangoo qabatanii as hariiroon biyyoota lamaanii gad adeemaa deeme jedhan.

XS
SM
MD
LG