Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Bara 2004 Mana Barnootaa Ga’eef Raashiyaan Deebii Hin Kennine: Mana Murtii


Haleellaa Bara 2004 Mana Barnootaa Ga’eef
Raashiyaan Deebii Hin Kennine: Mana Murtii
Haleellaa Bara 2004 Mana Barnootaa Ga’eef Raashiyaan Deebii Hin Kennine: Mana Murtii

Manni murtii dhimma mirga namaa Awrooppaa haleellaa bara 2004 gareen leellistoota Islaamummaa mana barnotaa tokko irratti raawwatan dursee balaa ga’uu malu hanqisuu hin dandeenye, tarkaanfiin humnootii nageenya eegsisanis ajjeechaa kanneen iggitamaniif gumaacheera jechuun himate.

Fulbaana 1 bara 2004 qabee guyyoota sadiif uggurri fi fixiinsi mana barnootaa Beslan magaalaa Republikii Ossetiyaa kaabaa irratti raawwate ijoollee 186 dabalatee kanneen iggitaman 330 ol galaafate.

Gareen lammiiwwan Raashiyaa mootummaan kanneen miidhaan irra ga’e irraa balaa durumaan beekamaa ta’e irraa oolchuu hin dandeenye jechuun himannaa dhiyeeffatan.

Gareen mirga namaa sunis kanneen himannaa dhiyeessan deggeruu dhaan angawoonni haleellaa karoofame sana ilaalchisee odeeffannoo ga’aa qabu, garuu mana barnootaa sanaaf eegumsa hin cimsine jedhee jira. Manni murtichaa itti dabaluu dhaan kanneen qorannaa geggeessan attamiin ajjeechaan sun akka raawwatame sirriitti hin qoranne, humna lubbuu galaafate kan angawoonni fayyadaman ilaalchisees qorannaa ga’aa hin geggeessine jedha.

XS
SM
MD
LG