Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waliigalteen Aljeers Waggaa 15 Guute


Waliigalteen Aljeers Waggaa 15 Guute
Waliigalteen Aljeers Waggaa 15 Guute

Komishinni daangaa Ityoophiyaa fi Ertraa waggaa kudha shanan har’a walii galtee tolfame irratti hirkachuun hundeeffame.Biyyota lameen giddu daangaajiru kan ialeen murteesse ture.

Walii galtee Aljeers kan prezidaantiin Ertraa Isaayaas Afawarqii fi kan du’an boqotan mummichi ministeera Itiyoophiyaa duraanii Mallas Zenaawwii giddutti Muddee 12 bara 2000 mallatteeffamee irratti hirkachuun komishinni kun hundeeffame.Yeroo sana gamtaan Awuroopaa, Aljeriyaa, yunaaytid Isteetes,Tokkummaan mootummotaa fi gamtaan Afrikaa ragaa ta’uun mallatteessanii turan.

Danqaan jiru itti fufuun tasgabii kutaa Sanaa balaa irra buusa yaaddoo jedhu kan qabu gamtaan Awuroopaa nagaa fi daldalaa addunyaa irratti akkasumas wal ta’insaa fi misooma sadarkaa kutaatti argame rakkoo irra buusa jechuun yaaddoo qabu ibsee jira.Kanaafis biyyonni lameen walii galtee sana guutummaatti hojii irra akka oolchan gamtaan Awuroopaa gaafatee jira.Bu’aa biyyoota lameenii gidduuf jecha carraaqqii godhamu mara kan deggeru ta’u gamtaan Awuroopaa ibsee jira.

Gama kaaniin walii galteen Aljeers guutuummaatti hojii irra ooluu dhabuu isaaf akkasumas hariiroon Ertraa fi Itiyoophiyaa gidduu iddotti deebi’uu dadhabuu isaaf/ gadda itti dhaga’ame Tokk mootummotaa beeksisee jira.Gargaarsa Tokkummaa mootummotaan nagaa walii galaa fi kan lubbuu dheeratu argamsisuuf yaalii ta’u biyyonni lameen akka fudhatan gaafanna jedhee jira.

XS
SM
MD
LG