Xurree ittiin seenan

Akka gabaasa Koomishiina Mirga nama Itoophiyaatti, rakkoolee hiriira mormii Oromiyaa bara 2016 irratti nama 495 dhumee 464 miidhame

  • VOA

Hiriira mormii Oromiyaa Irreecha Bishooftuu irratti bahan keessa haga tokko

Koomishineerii Koomishiina mirga namummaa Itoophiyaa dhaaba mootummaa waliin hojjatu.

Koomishineerii koomishiinii kanaa waan bara dabre Itoophiyaa keessatti hiriira mormii fi rakkoolee akka akkaa uuman jedhe irratti hardha paarlaamaa Itoophiyaatii gabaada dhiyeesse.

Akkuma kanaan Adoolessa 2,2008 haga Fulbaana 2009 jidduutti walumatti Itoophiyaa keessaa hiriiraa fi jeequmsaan wal qabatee nama 669 dhumatee 1,018, miidhamee qabeenna qarshii miliyoona hedduutti badee jedha Koomishiinii mirga namaa Itoophiyaa.

Akka gabaasa hardha paarlaamaa Itoophiyatiif dhiyeessan irratti jedhanitti rakkoolee naannoo Oromiyaatii, naannoo Amaaraatii fi naannoo kibbaatti hiriira nama baafate bulchiinsa dansaa dhabuu, qabeenna seeraa fayyadamuu dahbuu fi hujii dhabiitiitti fide.

Rakkolee tanaaf ammoo dhaabbilee siyaasaa gara garaatti hammeesse jedha koomishinerii koomishiina mirga namummaa Itoophiyaa Addisuu G/ Igzaabiher.

Ummatii rakkoo himatullee paartilee akka ABO,KFO,Paartii Semaayaawwii faafii media OMN(Oromia Media Network) faatti rakkoo tana oowwisee jedha koomishineerii kun.

Akkuma kanaan naannoo Oromiyaa keessaa nama 495 lubbuu dhabee, nama 338 miidhamee kana keessaa 126 warra nagaa eegu, namii walumaa galatti 464 miidhamee qabeenna miliyoona hedduutti bade

Naannoo Amaaraa godina Goonder,Goojjam,Baahri Daarii fi godina Hawwiitii nama 110 lubbuu dhabee kana keessa 30 warra mootummaa nagaa eegu. Naannuma tanatti ka miidhame 276 kana keessaa 100 warra nagaa eegu

Naannoo Gediyootti ammoo rakkoo bulchiinsii uumeen akka koomishineeri kun jedhutti nama 34 dhuamtee namii 60 ammoo miidhame.Balleessaa tanaaf bulchiinsii itti gaafatamuu qabaaa jedha.

Magaalaa Dillatti ammoo haawwanii fi ijoollee duraa 4,000 tahanitti baqatan bulchiinsii naannoo gargaaruu dhabuun rakkinna jiru agarsiisaa jedha.

Naannoo Amaaraatti ammoo rakkoo ummata Walqayitiin wal qabsiisanii,lafa Amaaraa kutanii Suudanii kennan jedhanii jeequmsa uuman jedha. Marsaaleen oduu gara garaa ammoo oduu tana haga isii caalaa hammeessan.

Gama kaaniin ammoo akka gabaasa paartii Kongireesii Federaalistii Oromoo (KFO) irraa argannetti gabaasii kun kana mootummaan ufumaa qoradhe jedhee baase waan taheef fudhatama hin qabu.

Obboo Mulaatuu Gammachuu itti aanaan itti gaafatamaa KFO ti."Qaamii kun qaama mootummaati.Mootummaan ufumaa badii aawwatee ufumaan ufi mirkanseessuun hindadhamu.Balleessaan kan kooti erga jedhee dubbate booda gabaasa kana baasuun fudhatamaa hin qabu.Qaamni walabaa tahe gabaasa kennuu qaba.”

Ummatii akka obboo Mulaatuun jedhutti “ummata manatti narratti saamamee,diigamee,namatti narraa ajjeefame jedhe hiriira rakkoo hedduu himate qawween bulchuun hin dandahamu.”

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG