Xurree ittiin seenan

Obbo Jawaar Mohammad Miseensa Hoggana ABO ti : Himannaa Abba Alangaa

  • Jaallannee Gammadaa

Obbo Jawaar Mohammad Miseensa Hoggana ABO ti : Himannaa Abba Alangaa

Jiraattoota godina Shawaa Bahaa kan aanaa Boosat kan jedhaman Obbo Mahaadii Aliyyii Gadaa, Obbo Ahmad Adam fi Obbo Alii Dibeeto miseensa hoggana sadarkaa olaanaa ABO ka ta’an Obbo Jawaar Mohammad waliin wal qunnamaa turan jechuun abbaan alangaa himata irratti dhiyeessee jira.

Sadeenuu himannaan shoroorkaa kan irratti dhiyaate yoo ta’u mooraalee waraanaa fi warshaalee adda addaa irratti badii dhaqqabsisuuf ituu sosso’anii qabaman jedhamee jira.

Himatamtoonni sadeen garu badii karoorfatan jedhame kana kan hin beekne ta’u fi mana hidhaa maakalaawwii keessatti yeroo jalqabaaf kan wal argan ta’u dubbatu.Hariiroo Obbo Jawaar waliin qabu jedhamees soba ta’u isaa fi bilbilli dhiyaatees kan keenya miti jechuun dubbatan.

Abukaatoonni himatamtootaa mormii qabu kan dhiyeeffate yoo ta’u Kibxata Torban dhufuu Ebla 26 bara 2017 deebii abbaa alangaa dhaggeefachuuf bellamni kennamee jira.

Obbo Jawaar Mohammad himannaa dhiyaate kana irratti deebii kennaiin hoggana ABO ta’e dhaaba siyaasaa kamiin iyyuu keessaa harka akka hin qabne ibsanii kun beekaa mootummaan Itiyoophiyaa Oromoota dararuuf mala itti gargaarame ta’u ibsan.

Gabaasa Guutuu Kana Cuqaasuun Dhaggeefadhaa

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG