Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doktoroonni Magaalaa Xiqqoo VA Baqattootaaf Kunuunsa Fayyaa Kennaa Jiran


Patients at the International Family Medicine Clinic in Charlottesville, Virginia, meet with one of the clinic's health care providers. (J.Soh/VOA)
Patients at the International Family Medicine Clinic in Charlottesville, Virginia, meet with one of the clinic's health care providers. (J.Soh/VOA)

Jireenya baqattummaa keessatti tajaajilli eegumsa fayyaa yoo argame iyyuu hedduu dadhabaa dha. Ykn immoo qaruma hin jiru.

Kanaaf jecha baqattoonni waggoota hedduuf dararamu. Jireenya akkasii keessaa ba’anii gara biyya isaan simatanii ennaa dhufan rakkoo addaatu isaan mudata. Biyya afaan, jireenya hawaasummaa fi aadaan jiru kan isaaniittii adda ta’e biyya haaraa keessatti tajaajila fayyaa argachuutu rakkisaa itti ta’a.

Bimaal Chiheertii Charlottesville VA keessatti kan argamu waaltaa tajaajila wal’aansa maatii keessatti yeroo yerootti baqattoota haaraa kanaaf tajaajila wal’aansaatu kennamaaf.

Waggaa tokko dura yuniversitii VA kan “Unvirestiy of VA” jedhamu keessatti jijjiirraan kalee godhameefii jira. Kilinikiin kun qaama hospitaala kanaa ti.

Ennaa ani mooraa baqattootaa keessa turetti tajaajila qulleessuu dhiigaa diyalisis argachuus haa ta’u kaleen akka naajijjiiramu mala tokko iyyuu waanan hin qabaanneef silaa nan du’an ture jedhan.

Cheetriin biyya dhaloota isaanii Butaan keessaa baqatanii mooraa baqataa Nepal keessa waggoota 20f erga jiraatanii booda kan gara United States dhufan.

Kaayyoon keenya jedhan Fern Hook baqattoonni kun miseensota hawaasa keenyaa fayyaa fi bu’aa buusan akka ta’an, biyyattiin gammaddee nu simatte ka jedhu akka itti dhaga’amu, hawaasa waliin akka wal makani, jireenya isaaniitti akka gammada gargaaruu dha.

XS
SM
MD
LG