Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetotii addunyaa maratoonii London fixanii ammallee dorgommii itti aantuuf kurfoo jiran


 Maratooni London London Marathon
Maratooni London London Marathon

Maratoonii London ta kalee dhiiraa fi dubralleen Keenyaatti qabaadhate, Itoophiyaan ammoo dubraa fi dhiiralleen lammeessoo taate.

Daani'el Waanjiruu(jidduu), Qanaaniisaa Baqqalaa(bitaa) fi Bedaan Karookii(mirga) 1-3 bahan.
Daani'el Waanjiruu(jidduu), Qanaaniisaa Baqqalaa(bitaa) fi Bedaan Karookii(mirga) 1-3 bahan.

​Maratooniin London maratoonii IAAF kopheessu keessaa tokko. Warra miiluma diriirfachuuf horihuu dabalee kaleellee nama kuma kurnya heduutti karaa gugurdaa Londonitti baafatee wal qolche.

Dhiiraan Daaniheel Waanjiiruuti mootummaan galate.Qananiisaa Beqqeleeti itti aane.Daaniheel daqiiquma sagaliin Qananiisaa caalee moo’e.

Daanihel dorgommii tana 2:05:56. Duruu dorgommii akkanaa irratti beekamaa nama ganna 24ti.

Namii lammeessoo bahe ammoo Qananiisaa Beqqeleeti.Qananiisaan nama 34 fiigicha metirii 5,000m fi 10,000 irratti rekordii addunyaa qaba.Maratoonii Berliin bara 2016 irralleetti diqqumaaf rekordii haaraa dhabee moohe

Atileeti Fayyisaa Leellisaa ammoo maratoonii London irratti 12essoo bahe.Yo innii fiigaa dabru “Fayyisaa… Leellisaa...Fayyisaa…Leellisaa...” jechaa faarsan maqaa yaamaa faarsaan.

Bitaa gama mirgaa Qananiisaa Baqqalaatii fi Fayyisaa Leelisaa Maratoonii London 2017
Bitaa gama mirgaa Qananiisaa Baqqalaatii fi Fayyisaa Leelisaa Maratoonii London 2017

​Gama dubraalleen Maratoonii atileetii Keenyaa Maarii Keyitaaniitti moo’e.Maarii moohuu qofaa mitii rekoordii caaccabsite.

Rekordii isiin caaccabsite tana duraan atileetii UK Paula Radcliffe bara 2005 jalqabee harkaa qaba.

Maariin nama ganna 35 km 43 tana 2:17:01 moote.Namii itti aanee lammeessoo tahe atileetii Itoophiyaa Xurunesh Dibaabaati 2:17:56 moote.

Xurunesh maatii obboo Dibaabaa Qananii fiigichaatiin Itoophiyaa addunyaa irratti beessisan keessaa tokko.

Xurunash Dibaabaa, Tigisti Tufaa fi Maree Dibaabaa fi atileetoa Keenyaa
Xurunash Dibaabaa, Tigisti Tufaa fi Maree Dibaabaa fi atileetoa Keenyaa

​Itoophiyaa keessaa sadeessoon Asellefech Margaati.Tigisti Tufaa ammoo 8essoo taate.Atileetotii addunyaa ammallee dorgommii itti aantu guyyaa 4n duubatti Xaliyaanaa fi guyyaa 6n duubatti Tarkii Istanbulitti dorgoman irratti dorgmuuf qophii jiran.

Keeyitaa Baaldee daqiiqaa shan keessatti goolii 5 galfate

Balde Keita, gurbaa biyya Senegaal amma kilabii Xaliyaanaa Laaziyoo taphatu
Balde Keita, gurbaa biyya Senegaal amma kilabii Xaliyaanaa Laaziyoo taphatu

​Keeyitaa jechuun nyeenca kilabii Tarangaati.Tarangaan maqaa kilabii Senegaaltii.Namii kun amma Serei A kialbii Laaziyoo keessa taphata.

Namii bara hedduu asitti daqiiqaa shan keessatti goolii sadii galche hin jiru. Taphaa kalee Laziyoon Palermoo waliin taphatte irratti 6-2 mootee keessatti goolii sadii isatti dadqiiaa shan keesatti galfate.

Ciroo Immobilee ammoo itti dabalee namii dhibiilleen tokko irra buusee Lziyoon 6-2 moote.Goolii tana keessaa shan daqiiqaa 28 keesastti galte.

Keeyitaan nama ganna 22ti lakkoofsa 14 keeyyatee dura taphata.

500 jedhaa!Liyonel Meessii ta kalee Riyaal Maadrid 3-2 moohan waliin Barseloonaaf goolii 500 galche.

Meesiitti akkana gammachuun xixinniqa Waxabajjii 18,2016
Meesiitti akkana gammachuun xixinniqa Waxabajjii 18,2016

Taphataan kubbaa miilaa kiabii Barseloonaa Liyoneel Meesii eegii kilabii tanaa taphachuu jalqabee ta kalee waliin gooli 500 galcheef. Meesiin barana Barseloonaaf goolii 31 gaclhe.

Meesiin nama ganna 29ti dhalotaan Arjentiinaa lakkoofsa 10 keeyyatee kilabii Baarselonaatii taphata.Abbaa ijoollee sadiitti akka bara 2016 mindaa isaa Euro miliyoona 40ti.Euroon doolariiyyuu hin caalti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG