Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shiftummaan Galaana Irraa Hammaate Jechuuf Rakkisaa Dha


Shiftummaan Galaana Irraa Hammaate Jechuuf Rakkisaa Dha
Shiftummaan Galaana Irraa Hammaate Jechuuf Rakkisaa Dha

Handaara galaana Somaaliyaatti shiiftummaan dhiyeenya kana mudate gochii kun deebi’ee hammaatu isaa agarsiisa jedhanii dubbachuuf rakkisaa ta’u aangawoonni Yunaaytid Isteets ibsanii jiru.

Ministriin ittisaa kan yunaaytid Isteets Jeems maatas gaafa Dilbata Jabuutii yeroo daw’atan Jeneraalli humna galaanaa yunaaytid Isteets Tomaas Waldahaawuser Kana jechuuf qophii miti garu hordofuu itti fuufna jechuun tuuta oduuf ibsa kennaniin turan.

Jeneeraalli kun akka jedhanti caamaa fi beela kutaa sana mudateetu shiiftoonni galaana irraa dhiyeenya kana Donilee daldalaa kanneen nyaataa fi zayiita fe’an 6 irratti haleellaa akka gaggeessan taasise jedhan.

Uummanni miliyoona 20 caalaan somaaliyaa, sudaan kibbaa, Naayjeriyaa fi Yaman keessaa baatilee dhufan 6 keessatti beelaan dhumuuf jiru jedha sagantaan nyaata addunyaa.

Shiiftoonni galaana irraa haleellaan handaara galaana Somaaliyaatti dhaqqabsiisan waggootii darban shaniif gad bu ee turuun ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG