Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensoonni Al-Shabaab Ajjefaman


Miseensoonni Al-Shabaab Ajjefaman
Miseensoonni Al-Shabaab Ajjefaman

Hidhattoota al-shabaab keessaa 4 kanneen balaa dhohinsaa geesisuun namoota 80 ta’an ajjesan jedhamuun himataman rasaasaan haleelamuun ajjefamuu isaanii angawoonni Somaaliyaa kibba dhiyaa ibsanii jiran.

Jarreen arfan kun baatii Guraandhala darbe mana murtii waraanaa isa Baaydo’aa jiru duratti adabii du’aa irratti murame. Baaydo’an moqadishoo irraa fageenya kiloo meetra 240 irratti argamti.

Jarreen kun balaa dhohinsaa bara darbe jechuun 2016 mana nyaataa Baaydo’aa lama keessatti wal duraa duubaan dhaqqabe sana gaggeessuu isaanii manni murtii himata dhiyaate dubbisuun dhageesisee jira.

Kunis ragaa qabatamaa fi qulqulluu ta’een waan mirkaneeffameef murtiin darbe hojii irra ooluu labsamee jira.Angawoonni kutaa fi jiraattonni gammachuu isaanii ibsan lafa argamanti arfanuu rasaasaan ajjefamuun ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG