Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faransaayiin Filannoof Qophaa’aa Jirti


Campaign posters of French National Front (FN) political party leader Marine Le Pen (C) and head of the political movement En Marche! (Onwards!) Emmanuel Macron (R), are seen in Antibes, France, April 14, 2017.
Campaign posters of French National Front (FN) political party leader Marine Le Pen (C) and head of the political movement En Marche! (Onwards!) Emmanuel Macron (R), are seen in Antibes, France, April 14, 2017.

Filannoo Prezidaantummaa marsaa duraa Faransaayii keessatti gaggeeffamee jiruun Kaadhimamaan yaada madaalawaa qaban Emmanueel Makroon fi kan safuu biyyaatti cichanii fi baqattootaaan morman Marine Le Pen filannoo prezidaantummaa torban lama booda gaggeeffamuuf darbanii jiru.

Kun immoo Faransaayii keessatti raafama siyaasaa guddaa uumuuf jira jedhu xiinxaltoonni.Waggaa tokko keessatti siyaasnii Faransaayii keessaa guutuummaatti jijjirameera jedhan Makroon Dilbata darbee galgala eega injifatanii booda ibsa kennaniin.Marine Le Pen deggertoota ofiif akka ibsanti uummata Faransaayii Bilisoomsuuf yeroon amma jedhan.

Ba’iin filmaataa inni dhumaa akka agarsiisuutti Macroon sagalee harka 23.8 kan argatan yoo ta’u Le Pen harka 21.5 argatan.Namoonni

sagalee kennuuf ba’an walii galaan harka 79 yoo ta’u abbaan injifachuuf deemu sagalee yayyabaa argachuu qaba.

Filannoon prezidaantummaa Kun Caamsaa 7 bara 2017 gaggeeffamuuf jira.

XS
SM
MD
LG