Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetes Fi Koriyaan Kaabaa Maal Keessa Jiru?


A visitor looks at a map of North Korean towns at the unification observatory in Paju, South Korea, April 25, 2017.
A visitor looks at a map of North Korean towns at the unification observatory in Paju, South Korea, April 25, 2017.

Yunaaytis Isteetes fi Koriyaa kaabaa giddutti muddamsii deebi’ee hammaataa jira.Kunis Koriyaan kaabaa guyyaa ayyaana biyyatti ka biraa kabajuuf yeroo qophooftu kanatti yaalii dhukaasa Nukleeraa ykn misaa’eela ardiwwan qaxxaa-muruun darbu dhukaasuuf jirti.

Ayyaanni kunis guyyaa jala bultii hundeeffama waggaa 85ffaa kan waraanni koriyaan kaabaa itti hundeeffame ta’uun ibsamee jira. Xiinxaltoonni akka jedhanti yaaliin dhukaasaa kun gonkumaa kan hin oollee ta’uu isaaf mirkaniin hin jiru jechuun akeekkachisan.

Gama kaaniin doniin waraanaa kan Jaapaan kan duugdee Koriyaatti qajeelaa jirtu donii waraanaa Amerikaa waliin shaakala waraanaa jalqabdee jirti.Koriyaan kibbaa shaakala humna galaanaa kana Amerikaa wajjiin jalqabuuf Washington waliin dubbatti.

XS
SM
MD
LG