Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoohpiyaa Keessatti Lakkofsii Namoota Gargaarsa Hatattamaa Eeggatanii Miliyoona Lamaan Dabale


Itoohpiyaa Keessatti Lakkofsii Namoota Gargaarsa Hatattamaa Eeggatanii Miliyoona Lamaan Dabale
Itoohpiyaa Keessatti Lakkofsii Namoota Gargaarsa Hatattamaa Eeggatanii Miliyoona Lamaan Dabale

Itiyoophiyaa Keessatti sababaa caamaan kan ka’e Lakkofsii namoota gargaarsa hatattamaa eeggatanii baatii afur keessatti Miliyoona lamaan dabaluun ibsamee jra.Yeroo ammaa lakkoobsii namoota gargaarsa nyaata hatattamaa eeggatanii Miliyoona 7.78 dhaqqabuu isaa obbo Mitikkuu Kaasaa hogganaa komiishina biyooleessaa kan gaggeessaa hojii yaaddoo balaa ibsanii jiran.

Kanneen gara miliyoona tokkoo fi walakkaa ta’an naannoo Oromiyaa irraa ti. Kuma dhibba lamaa fi kuma sadii immoo, naannoo Sabaa fi Sablammootaa fi Uummatoota Kibbaa irraa ti. Kanneen gara kuma dhibba sadi’ii fi kuma afurii ta’an immoo naannoo Amaaraa irraa ta’uun ibsamee jira.

Kan gargaarsa kennamaafii ture lammiwwan biyyatti miliyoona shanii fi qaxii shaniif ture. Isaan kanaaf gargaarsa otuu kennaa jirruu kannen gargaarsa jalatti hin hammatamiin kun dabalataan ka dhufan. Kanaaf, isaan ilaalchisuudhaanis, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Ebla bara 2009 irraa jalqabnee, lammiwwan biyyatti miliyoona toorbaa fi qabxii toorbaniifuu gargaarsa kennaa jirra jedhu Obbo Mitikkuun.

Maallaqnii gargaarsaaf gaafatamee doolaaara Biliyoona tokko ta’uus mootummaan Ameerikaa, karaa Sagantaa Nyaata Addunyaa fi Eop ka jedhamu, “Emergency Operation Program” ka jedhamuu, gara doolaara Miliyoona dhibba tokkoo fi miliyoona kudha-afurii kennanii jiru. Mootummoonni biroon tokko tokkos, haga miliyoona kudhanii gadii kanneen kennan ni jiran jedhan.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Itoohpiyaa Keessatti Lakkofsii Namoota Gargaarsa Hatattamaa Eeggatanii Miliyoona Lamaan Dabale
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:19 0:00

XS
SM
MD
LG