Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojii Dhabiinsa Keeniyaa Gad Xiqqaachuu Qaba: Prezidaant Uhuuruu Keeniyaattaa


Hojii Dhabiinsa Keeniyaa Gad Xiqqaachuu Qaba: Prezidaant Uhuuruu Keeniyaattaa
Hojii Dhabiinsa Keeniyaa Gad Xiqqaachuu Qaba: Prezidaant Uhuuruu Keeniyaattaa

Prezidaantiin Keeniyaa Uhuru Kenyatta ayyaaneffannaa guyyaa hojjettootaa kan har’aa irratti haasaa dhageesisaniin hoji dhablummaa biyya isaanii keessaa dhabamsiisuuf waadaa seenan.

Bakka isaan jiran irraa meterea 100 fagaatee kan umuriin waggaa 31 Christine Ndunge hojii dhugaatii lallaafaa gurguruu irratti bobbaatee jirti. Daandii irratti bakka ahannanaa uummataa walakeessa Nairobi jiru waggaa dheeraaf hojjettee jirti.

Yeroo ammaa hojii argachuun ulfaataa dha. Ofii koof hojii uummee jiraachuufan murteesse. Kun akka ammaa kan yeroo roobaa ennaa ta’u maamiltoota dhugaatii kana nu irraa bitan hin argannu. Haa ta’u malee hojii kana itti fufee hojjechuufan of jajjabeesse. Sababiin isaas eessa iyyuu dhaqee hojjechuu waanan hin dandeenyeef jette.

Prezidaanti Kenyattan haasaa isaanii har’aa kanaan mindaan ittiin dalagaa eegalan dhibba irraa harka 18n akka ol guddatu labsan.

Jamaan wal ga’e ni gammade, garuu xiinxaltoonni akka jedhanitti imaammati kan akka mindaa ol kaasuu kun hojjettoota irra jireessa hin fayyadu.

Akka qorannaa mootummaa Keenyaa dhimma dinagdee kan bara 2017tti waggaa darbe dalagaa kuma 833tu uumame. Haa ta’u malee dalagaaleen sun dhibba irraa harka 20 ol kan ta’u waaltaalee mootummaan hin to’atin irraa ti.

Gabbasa guutuu dhaggeeffadhaa

Hojii Dhabiinsa Keeniyaa Gad Xiqqaachuu Qaba: Prezidaant Uhuuruu Keeniyaattaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:19 0:00

XS
SM
MD
LG