Xurree ittiin seenan

Traamp Michoomaa fi Masaanummaa Biyyoota Waliinii Irratti Ejjennoo Jijijjiiruun Mormii Biyyoota Kooriyaa Keessa Hammeessuuu Mala Jedhame

  • VOA

Traamp Michoomaa fi Masaanummaa Biyyoota Waliinii Irratti Ejjennoo Jijijjiiruun Mormii Biyyoota Kooriyaa Keessa Hammeessuuu Mala Jedhame

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp, waa’ee michoomaa fi masaanummaa biyyoota waliinii irratti ejjennoo isaanii jijijjiiruun, mormii biyyoota Kooriyaa keessa jirutti akka gaazii ibiddatti naquu ta’uu mala – jedhama.

Waa’ee Baatirii ittisa Niyuukilaraa Yunaayitid Isteets baadiyyaa dugdee Kooriyaa keessatti bobbaastee – THAAD jedhamuu fi waa’ee daldalaa irratti, Prezidaant Traamp Kooriyaa Kibbaa qeequunii fi yaada isaanii gara Chaayinaatti dayyaasuun, keesumaa – kaadhimamaan prezidaantummaa Kooriyaa Kibbaa ilaalcha “Liberaalizm” qaban – MOON JAE-IN yoo filannoo torbhan dhufuu irratti injifatan, hariiroo Yunaayitid Isteetsii fi biyyattii gidduu miidhuu mala.

Kan Prezidaant Traamp – Baatirii Ittisa Misaahelaa – THAAD jedhamuuf, Kooriyaa Kibbaa doolaara Biliyoona tokko baasuu qabdi – jechuun dubbatanii turan, gorsaan naga-eegumsa biyyoolessaa prezidaantichaa – HR McMASTER, kaleessa ennaa waajira naga-eegumsa biyyoolessaa Kooriyaa Kibbaa waliin haasawanitti salphisanii dubbatan.

Waajiroonni naga-eegumsa biyyoolessaa biyyoota lameenii ibsa gamtaa achii booda waliin baasaniin, walii-galteen waa’ee THAAD otuu hin jijjiirafmiin akka itti fufu dubbatan.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG