Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan Dhabbata Basaasaa Yunaaytid Isteets Dhimma Niyuukilara Kooriyaa Kaabaa Mari'achuuf Kooriyaa Kibbaatti Imalan

Hoogganaan Dhaabbata Basaasaa Yunaayitid Iteets, ka CIA – Maayik Praamihoo, waa’ee sagantaa Meeshaalee Niyuukilaraa Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee yeroo aangawoonni basaasaa Yunaayitid Isteets yaaddoo qaban ibsuu itti fufanii jiranitti, qondaalota tika-nagaa Kooriyaa Kibbaatti yaaddoo isaanii ibsuuf, magaalaa Sool jiran.

Haadha warraa isaanii – Suuzaan waliin, xumura torban dabree irra ka magaalaa galma-mootummaa Kooriyaa Kibbaa qubatan – Poompiyoon, hoogganaan dhaabbata basaasaa fi gargaartota prezidaantii biyyattii wal-ga’anii mari’achuun isaanii beekamee jira.

Walga’iin kun geggeessamee sa’aatiilee haga tokkoo booda immoo, Mootummaan Kooriyaa Kaabaa – magaalaa Piyoong-yaang irraa meeshaa dhukaasa Niyuukilaraa ittiin of irraa fashalsiisu hojjechuu kan shaffisiisa cimaan geggeessu ta’uu beeksisee jira.

Kooiryaa Kaabaa, Sanbata dabre kanas, yaalii dhukaasa misaahelaa ka biraa geggeessitee jirti. Yaaliin sun akka hin milkaa’iin dubbatu – Yunaayitid Isteetsii fi Kooriyaa Kibbaa.

XS
SM
MD
LG