Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Hojjatootaa 'May Day' Jedhamuudhan Beekamu Guutummaa Addunyaatti Kabajamee Oole


Protesters take to the streets on May Day in New York to protest U.S. President Donald Trump's immigration policies. (R. Taylor/VOA
Protesters take to the streets on May Day in New York to protest U.S. President Donald Trump's immigration policies. (R. Taylor/VOA

Yunaayitid Isteetsii fi guutummaa Addunyaa irratti, guyyyaa hojjetootaa yokaan MAY DAY har’a ayyaaneffame ilaalchisuun hiriirawwan geggeessamanii jiran.

Hiriirawwan har’a geggeessaman, Faransaay irraa jalqabee haga Tarkiitti, hiriirawwan geggeeffaman, siyaasaan abbaa irrummaa fi mirgaa leellisan balaaleffachuudhaan gara hookkraatti jijjiiramuun isaanii illee gabaasamee jira.

Guyyaan MAY DAY, duraanuu akkuma baratame. Guyyaa hiriirawwan mormii itti heddummaatan waan ta’eef, ka bara kanaa waan haaraa miti. Magaalaa Istaanbul keessatti, waltajjii “Taksim Square” jedhamu, bakka ammaan dura guyyaa ayyaana kanaa mormii geggeessame irratti tarkaanfii fudhatafmeen dhiigni hedduun dhangala’etti, hiriirtota ba’anitti poolisoonni gaazii imimmaansu dhukaasan.

Prezidaantiin biyyatii, RECEP XAYYIB ERDOGAN, irra-aantummaa sagale xiqqootiin eega dhiheenya filannoo biyyattii injifatanii booda, wal-muddinsi biyyattii keessaa akkuma hammaatetti jira. Har’a, poolisiin namoota 200 ol hidhe.

Raashiyaa, magaalaa Moskoo, bakka uummatni kuma dhibba lama ta’u hiriira bahetti garuu, haalli ture gammachuu fi nagaan xumuramuu tu dubbatama.

XS
SM
MD
LG