Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoolleen Somaaliyaa Miliyoonatti hedaman Hanqina Nyaataan Dararamaa jiru: UNICEF


Ijoolleen Somaaliyaa Miliyoonatti hedaman Hanqina Nyaataan Dararamaa jiru: UNICEF
Ijoolleen Somaaliyaa Miliyoonatti hedaman Hanqina Nyaataan Dararamaa jiru: UNICEF

Jarmayaan gargaarsa daa’immanii kan tokkummaa mootummootaa Somaaliyaa keessaa lakkoobsi ijoollee hanqina nyaataan dararamaa jiranii ol ka’uu isaa beeksisuu dhaan biyyattiin sababaa hongeen kan ka’e qarqara afaan beelaa jiraachuu ibsee jira.

Xumura waggaa kanaa ijoollee miliyoona 1.4tti tilmaamantu hanqina nyaataa hamaan isaan mudata jedhee kan eegamu ennaa ta’u kunis ijoolleen kuma 275 ta’an akka salphaatti du’uu malu jedhamee jira.

Dubbi himtuun UNICEF Marixie Mercado akka jedhanitti hanqinni nyaataa ijoollee dhibbeef saaxiluu malaa, ijoolleen bishaan qaama isaanii keessaa hir’ate immoo sa’aatilee xiqqoo keessatti garaa kaasaa ykn cholera dhaan du’uu danda’u.

Hanqinni nyaataa fi dhukkubi walitti dabalamee akkasumas qe’ee ofii irraa godaanuun du’uu ijoolleef sababaa ta’a. Somaaliyaan balaa beelaa hamaaf saaxilamtee kan jirtu ennaa ta’u kunis waggoota 25 keessatti yeroo sadaffaaf ta’uu isaa ti.

Bara 2011 beela somaaliyaa mudateen yoo xiqqaate namoonni kummi 260 du’aniiru. Kana keessaa irra jireessi dubartootaa fi ijoollee dha.

XS
SM
MD
LG