Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa sodaaf jecha kannen hidhe akka gad lakkisu komiishinerri mirga dhala Namaa Tokkummaa mootummotaa gaafatan


Mootummaan Itiyoophiyaa sodaaf jecha akka gad lakkisu komiishinerri mirga dhala Namaa Tokkummaa mootummotaa gaafatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:33 0:00

Mootummaan Itiyoophiyaa sodaaf jecha akka gad lakkisu komiishinerri mirga dhala Namaa Tokkummaa mootummotaa gaafatan

Komiishina mirga dhala namaa kan tokkummaa mootummootaatti komiishinera ol aanaan Zeid Ra’ad al-Hussein kaleessa gara galgalaa Finfinneetti kan argamu galma wal ga’ii kan tokkummaa mootummootaa keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniin haala qabiinsa mirga dhala namaa Itiyoophiyaa keessaa gamaaggamaniiru.

​Itiyoopiyaa keessatti ba’iiwwan gama dinagdee, hawaasummaa fi aadaan argame jedhan illee ajaa’ifataniiru. Haa ta’u malee mirga lammummaa fi siyaasaa gama ilaaleen kan isan hubatan adda ta’uu isaaf mootummaan isaan afeeres mirgaawwan kanaaf ilaalcha kan hin kennine ta’uu tuqaniiru.

Mirgawwan kun adda baafamanii ilaalamuu kan hin dandeenye ta’uu kan ibsan komiishinerichi, ba’iin isaas balaa hamaa dhaqqabsiisuu mala jedhan.

Mirgawwan dinagdee, hawaasummaa fi migri aadaa mirga lammummaa fi siyaasaatti adda baafamanii akka hin ilaalamne amantii cimaan qaba. Mirgawwan hangi tokko kabajamanii kaan immoo ilaalcha barbaachisu yoo dhaban dhiibbaa hamaa kan hawaasummaa inni hordofsiisu mul’inatti argamuu mala.

Mootummaa daawwannaaf na afeere kana amma uummata isaa maraaf waltajjii qabiyyeen isaa kan ammaa irra wayyaawaa fi sabatiinsa qabuu, dimokraatawaa fi banaa ta’e gonfachiisuuf hedduu akka hojjetun jajjabeessa jedhan.

Turtii isaanii Finfinnee keessaatiin mootummaa fi qaamolii adda addaa waliin marii geggeessuu isaanii kan yaadachiisan komiishiner Zeid Ra’ad al-Hussein, jalqaba waggaa itti aanuu deebi’anii marii kana akka itti fufan, baatilee itti aanan keessas ba’ii argaman akka argan abdii qaban ibsanii tokkummaan mootummootaa gama kanaan deggersa gochuuf fedhii inni qabu illee beeksisaniiru. Dhuma irratti garuu hegeree biyyattiif carraa jiru kan murteessu tarkaanfii fudhachuun kan irra jiraatu mootummaa Itiyoophiyaa ti jedhan.

Mootummaan Itiyoophiyaa sodaaf jecha akka gad lakkisu komiishinerri mirga dhala Namaa Tokkummaa mootummotaa gaafatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:47 0:00

XS
SM
MD
LG