Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chelsiin shaampiyoona EPL bara 2017 taate badhaasa Euro miliyoona 150 haratte ammallee dorgommii FA CUPf khophii jirti


Chelsii shaampiyoonaa 2017
Chelsii shaampiyoonaa 2017

Chelsii,the Blues, barana qofa marro 37 taphattee goolii 80 galfatte tapha 29 moote sadii wal qixxee baatee shan moohamtee qabxii 90 tokkeessoo taatee Shaampiyoonaa EPL 2016/2017 ka taate.

Shaampiyoona 2016/2017 moohachuun isii ammoo euro miliyoona150 waan seena Pirimiyeer Liigii keessatit argani hin beenne moote.Ka bara dabre moote caala amma harka 72n baddhaasa dabalaniif.Leseer Sitiin bara dabre Shaampiyoona EPL taate ammoo euro miliyoona 93 badhaafamte.

Ta guyyaa dheengaddaa waliin Chelsiin marroo 6 Shaampiyoonaa EPL taate. Tapha Jimaataa irratti Chelsiin West Bromwich Albion 1-0 moote.

Goolii isiin shaapiyoonaan taate ta baranaa Michy Batshuayi galcheef. Gurbaan ganna 23 kun dhalootaan Beljiyeemi.Taphii dhumachuuf daqiiqaan jaha hafee jennaan goolii keessa buuseef.

Batshuayi ganna dabre kilabii Faransaay Marseillee irraa Euro miliyoona 33n bitatan.Eegii bitatanii tana waliin goolii lama galcheef.

Manaajera Chelsii Antooniyoo Kontee fi taphataa isaa beekamaa Diyaagoo Kostaatti gammachuun wal yoyyifata
Manaajera Chelsii Antooniyoo Kontee fi taphataa isaa beekamaa Diyaagoo Kostaatti gammachuun wal yoyyifata

​Gurbaan kun Diyaagoo Koostaa (#19) fulaa bu’ee Chelsiif hafuu hin oolu.Koostaa kilabii Chaayinaatti bitachuu fedha.Namii kun Biraazilitti dhalate.

Chelsiin Diyaagoo Koostaa ganna 28 kana gatii dansaa itti argannaan gurgurachuu feeti.

Chelsiin ammoo Romelu Lukaakuu (Everton) fi Aleksi Sancheez (Mexico) bitachuu feeti.Isa bitannaan Batshuayi Chelsii keessaa bahuu hin oolu fa taha.

Chelsiin shaampiyoona taanaan manaajerii isii Antonio Conte gammachiisuuf kaan cabbi baaldii miyyuu mataatti gadi naqe kaan shampaanyi itti biife.

Chesliin bara dabree gaafa Jose Moriinoo manaajera itti tahe kaanitti EPL keessaa 10essoo taatee dorgommii fixatte.

Chelsiin ammoo waan sun caalaatiif qophaahuutti jirti:FA CUP.Dorgommii tana Caamsaa 27,2017 tana irratti Chelsii fi Arsenaal waliin istaadiyoomii Wembley keessatti taphatan.

Abbaan tana moo’e dorgommii UEFA Europe League 2017-2018 keessatti dorgoman.

XS
SM
MD
LG