Xurree ittiin seenan

Breaking News

Parlaamaan Awurooppaa akka Dr.Mararaa Guddinaa hidhaa baasanii fi qaamii walabaa nama bara 2015 hiriira mormii irratti fixan qoratu gaafate


Parlaamaa Awurooppaa
Parlaamaa Awurooppaa
Parlaamaan Awurooppaa akka Dr.Mararaa Guddinaa hiikan gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:28 0:00

Miseensotii paarlaamaa Awurooppaa kora Caamsaa 17,2017 taahaniin waan guguroo sadii irratti murtii dabarsan.

  • Akka Dr.Mararaa Guddinaa hidhaa baasan
  • Akka dubbii itti gaafatamaa paartii mormituu Zaambiyaa Hakahindee Hichileemaan karuma qajeelaan laalan
  • Akka waraanii Suudan Kibbaa dhaabatuu fi Waldaan Awurooppaa jabeessee biyya sun gargaaru gaafate

Paarlaamaan kun akak Dr.Mararaan hidhaa bahuu qofaa mitii waan himataniinillee cufaa ariitiin irraa dhiisan gaafate.

Dr.Mararaa Sadaasaa 9 bara 2016 isaa miilota isaa waliin Waldaa Awurooppaa waliin kora taahee galu qaban.

Mootummaa muddee akka laftii jeeqamtu tolche jedhanii himatan jedhan Paarlaamaan Awurooppaa kun.

Maarii kiristiin Vezhaan,miseensii mana marii Waldaa Awurooppaati.Warra kora kana dhaqe keessaa tokko.

“Dr.Mararaa akkuma innii asi dhufee rakkoo mirga nama Itoophiyaa keessa jirtu nuun wal dubbateen dubbiin itt dhufte.Tanatti callisuu hin dandeennu.Tun qooda Itoophiyaa fi Waldaan Awurooppaa godaanotaa irratti qabaniif waan qabaatu qabdi.Tun waan maqaa nama xureessaati.Eegii seera muddamsuu labsaii asitit wanti jiraa guyyuma guyyaan hammachaa deemti.”

Korina kireetum, koomishineera dhimmi naannoo waldaa Awurooppaati.

“Seerii jara biyya nagaa dhowwuun eegan jedhan waan haga dabre.Dubbachuu nama dowwanii lafa qonnaa nama irraa fudhatan. Akka koomishiinii dhala namaa Itoophiyaatuu jedhetti nama dhibba hedduutti dhumate. Dhaabbileen mootummaa ammoo sunii oli jedhan.Akka Itoophiyaatti mirgii namaa eegamee namii waan fedhe dubbachuu fi barreessuu dandahahu gaafanna.”

Paarlaamaan kun tana maleellee wannii Itoophiyaatti bara 2015 nama hiriira bahe dhibba hedduu ficcisiise karaa dhugaatii fi karaa qajeelaan qoratamuu fi mirga dhabiiti mootummaan morman jedhanii namaan rakkisuutti jiran mirgii isaanii eegamuuf gaafate.

Tana maleellee paarlaamaan Awurooppaa kun mootumman Itoophiyaa seera jara biyya nagaa dhowwuun eegaa jedhee baaseen nama nagaan hirira bahu rakkisuu dhaabuu fi namilleen waan garaan isaa fedhe dubbachuu fi mariillee taahuuf mirga qabaatu gaafate.

Mootummaan Itoophiyaa ammoo dubbii Waldaa Awurooppaa tana hin fudhatau.

A kka oduu himaan ministera haajaa alaa obboo Melles Alem jedhutti waldaan Awurooppaa duruu waan dharaa ka akkana kana haasahuun beekama.Wannii amma jedhe kunilleen haaraa miti.

“Waldaa Awurooppaa miseensa dhibba hedduu qabu keessaa nama diqqaatti yaada amma jedhan kana dhiyeesse.Miseensota waldaa kanaa hedduu waliin hujii hedduu hojjanna.

Dubbii Dr.Mararaa mana murtiitti laaluutti jira tanaafuu tana irratti womaa hin jennu.Woma taateefuu yaada Waldaa Awurooppaa kana hin fudhannuu murtii Itoophiyaa ummatuma isaatti murteessa,”jedha.

Tana maleellee Waldaan Awurooppaa kun akka waan itti gaaftamaa paartii mormituu Zaambiyaatiin himatanillee karuma qajeelaan laalaniif gaafate.

Akka Parlaamaan Awurooppa jedhutti itti gaafatamaa paarii mormituu Zaambiyaa kana maqaa siyaasaatiif hidhan.Hidhaa tanaaf jedhee nama hedduutti mootummaatti hiriira bahe.

Namii kun ji’a Eblaa ka dabre keessa makiinaa Pirezidaantii Zaambiyaan keessa jiru karaa itti cufee dabruu dhowwe Pirezidaantii ijjeesisuuf tana tolchee jedhanii hidhaa jira.Yoo balleessaa itti muran duhan adaban.

Wannii Hichilemaa tolchan kun akka paarlaamaan Awurooppaa jedhutti woma biyya sun keesatti eegii filannoo ganna dabreetii asitti paartilee mormituu tolchuutti jiran.

Parlaamaan kun akka manii murtii Zaambiyaa karuma qajeelaan dubbii itti gaafatamaa paartii mormituu kana laalee mootummaan sun media namii cuftii qooda keessaa qabaatee dubii nama cufaa wlatiqixxeti gabaasan gaafate.

Gama Suudan Kibbaatii paarlaamaan Awurooppaa waraanii Suudan Kibballeen dhaabatu gaafate.

Suudan Kibbaatti waranii ganna 4n duratti jalqabe hin dhaabanne.

Pirezidanatiin Suudan Kibbaa Salvaa Kiir itti aanaa isaa Rick Machaar mootumaa narratti gara galchuu fedhe jedhee hujii irra buusee namii gosaan wal qoodee waraanaa walti baafatee nama miliyoona 3 fi kuma 600 baqatu tolche.

Paarlaamaa kun akka waraanii mootummaan Suudan Kibbaa ijoollee dubraa didiqqoo buufachuu,ijoollee didiqqoo waraanatti oofuu fi hujii hamaamtuu hojjachuu lakkisu gaafate.

Tana qofaa mitii Waldaan Awurooppaa waraana Tokkummaa Mootummootaa Afrikaa eegutti jiru UNIMISS gargaaruu fi ijoollee Suudan Kibbaalleen waldaa Awurooppaa irraa barumsa barachuuf carraa ragattu jireenna isaanii jabeessaniif gaafate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG