Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchootii biyya dureeyyii addunyaa torbaan G7 bori Xaliyaanatti kora taa’anii bulchoota Afrikaa haga tokkollee kora kanatti yaaman


Kora G7 ministeroota haajaa alaa
Kora G7 ministeroota haajaa alaa
Kora biyyoota dureeyyii addunyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:58 0:00

Korii G7 Caamsaa 26-28,2017 Xaliyaana,magaalaa Sisiliitti taa’a.Nagaa addunyaa,rakkoo Afrikaa, rakkoo jijjiirama qilleensaa, daldalaa addunyaatii fi waan hedduu irratti mari’atan.

Bulchoota Afrikaa ta kora kanatti yaaman keessaa tokko muummee minsitera Itoophioyaa,obboo Hayilee Maariyam Dessaalenyiti.

Akka ergamaan addaa muummee minsitera Itoophiyaa, ambaasaadder Birhaanee G/ Kiristoos jedhutti Itoophiyaa kora kanatti yaamuun qoodii Itoophiyaan qabdu jijjiiramaa olii hiiqaa deemuutti jiraachuu agarsiisa.

Ambaasaadder Birhaaneen Dr.Tewodiroos Adihaanom daarektera olaanaa Dhaaba Fayyaa Addunyaatii filamuu irratti tanallee jedhe.Itoophiyaan jijjiiramaa deemuutti jirti jedha.Bulchoota Afrikaa afur kora kanatti yaaman.

“Bulchoota Afrikaa waliin kora kana dhufa.Qoodii Itoophiyaan addunyaa keessatti guuddachaa deemuutti jriaachuu isaa agarsiisa.Nagaa keenna, misooma keenna, guddina biyyitii teenna keessa jirtu jabeeffanee jireenna wayyeeffannee biyya teenna biyya wayyaa qabdu tolfannee haga qoodii isiin addunyaa keessa qabdu jabaatu tolchinee waltajjii biyyoota guddatan jedhan keessa jiran keessa jriaachuu qofaa mitii fulaa isiin geette jedhanillee gahuu dandeennuu nu agarsiifti.”

Wannii Itoophiyaan miseensa nagaa Tokkummaa Mootummootaa taatee biyyitii miseensaa sunii cuftii isii filteefilleen tanumaaf jedha ambaasaadder Birhaaneen.

Kora bori taahu kana iratti bulchota Afrikaa dhibii kora kanaaf yaaman keessaa Naayjeeriyaa,Keenyaa fi Tuniiziyaalleen keessuma jiran.

Itoophiyaan jijjiiramaa waan deemuutti jirtuuf kora gugurdaa addunyaa ka akkanaa kana irratti yaaman jedhan bulchooti.

Akka xiinxalyaan siyaasaa Jawaar Mohaammad MN irraa jedhetti Itoophiyaa mootummuma duriitii jalqabanii kora akkanaa kanatti hinuma yaaman.Bara hayilee sillaaseetii fi bara dargiillee kora akkanaatti yaamaa bahan.

Guddinna Itoophiyaan amma qabduuf adoo hin tahin Itoophiyaan biyyoota gurgudoo Afrikaa keesastti beekaman; Masrii,Naayjeriyaa,Afrikaa Kibbaa Kibbaa faatti yoo hedduu afferamaa jedha.

Itoophiyaan akka Jawaar jedhutti baayina ummataa isii, teessuma lafa isii ka isiin Jidduu Gala Bahaa fi Afrikaa Jidduu waan jirtuuf Finfinneen ammoo akka strategic partner ykn ammoo lafa jidduu galeessaa waan taateef filatamti jedha. Gama kaaniin ammoo Finfiinee ammoo teessoo biiroolee mootummootaa Afrikaa fi addunyaa hedduu waan taateef. Masriinlleen waraana guddaa qabaachuu isiitiif, Naayjeeriyaan ammoo ummataa hedduu qabaachuu isiitiif waan akkanaa kanaa beekaman.Tanaaf afeeramanii jedha.

Bulchootii G7 kun yoo kora akkanaa kana taa'an Eezhiyaa, Afrikaa fi ardii gara garaa keessaa bulchoota gara garaa akka isaan kora kana caqasan yaaman.

Kora kana irraa maan eegan jennaan Jawaar waan nagaa,dinagdee fi waan akkanaa irratti dubbachuu dandahu taatullee waan hedduu irraa hin eegan jedha.Jarii kora kana dhufe ammoo bulchoota gara garaa dhufaniin wal arganii mari'achuuf carraa qaban.

Pirezidaantii Amerikaa Doonaldi Tiraampilleen bulchoota biyyoota induditiirn guddatan dhaqan keessaa tokko.Biyyootii miseensa G7; USA,UK, Jappan, Jermenii, Kanaadaa,Faransaayii fi Xaliyaana. Korii baranaa kun 43essoo.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG