Xurree ittiin seenan

Breaking News

Da'umsaa fi Fayyaa Dubartootaa


Addunyaa irratti Dubartonni kuma 300 fi kuma 60 ta’an sababaa ulfaa’uu waliin wal qabateen waggaa waggaan dhumu.Dubrtonni haala akkasiin lubbuun isaanii darbu kun harka caalaan immoo Afriikaa keessatti argamu.

Prezidaantiin Ireland duraanii Meerii Roobinsan rakkoo ulfaa fi da’uumsa waliin wal qabatee lubbu dubartootaa galaafataa jiru kana biyyoota Afrikaa keessaa dhabamsisuuf sagantaa gaggeefamu hoogganu.

Meerii Roobinsan
Meerii Roobinsan

Dhiyeenya kana somaaliyaa fi Itiyoophiyaa keessatti daw’annaa gaggeesaniin dubartoota umriin isaanii ijoollumaatti ijoollee godhatan hasofsiian.Mooraa baqattoota Dadaab kan keniyaa keessaa daw’ataniiru.waa’ee faayidaa karoora maatii keessumaa dubartoota barsiisuun barbaachisaa dha jedhan.

Gama kaaniin immoo Itiyoophiyaan lakkoofsa ijoollee du’anii fi hanqina nyaataa jiru gad xiqqeesuu ishee beeksiiftee jirti.Itiyoophiyaa keessatti lakkoofsi ijoollee umriin isaanii 5 ituu hin gutin du’anii harka 9 ta’uu qorannaan gaggeefame beeksiseera.Itti aanaa ministeera eegumsa fayyaa biyyattii kan ta’an Dr Kaseete Birhaan Admaasuu akka ibsantti caasaa eksteenshinii fayyaa diriirfametu fooyya’iinsa kana argamsise jedhan.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG