Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aadaa Ufii Sirbuu Wayya


" Dubartiin sirbituu tahuun jajjabduu taatullee kaayoo ufiitiif jabaachuu wayya" jetti, Nahimaa Abdurhiman

“Way Bada Ana” jettee bara 2000 keessa sirba isii ka qaraatiin jalqabde. “Faffacaanee, faffacaanee” jettee tokkummaa lallabdee hiyyummaallee tanaan keessaa baanaa jechuutti dabarte. Nahiman Abdurahiman sirbituu ganna 23 ti. Gaafa ganni isii 14 guutu maatii isiillee dhokattee sirbuu jalqabde, boofs ammoo gargaarsa obboleessa isiitiin sirbitu taatee warra beekamanitti dabalamte. "Silaa obboleessi kiyya na hin gargaarree as gahuu hin dandahu.” jetti .

Nahimaan ammoo yoo jireennaa fi jiruu ummata Oromoo ilaaltu, sirba “Faffacaanee faffacaanee biyyaa … biyyaa” jevhuun ka “yaada qalbii tiyyaa caalaatti naa himaa,” jettu sirbite.

Akka Nahimaatti dubartii tahanii sirbuun jajjabduu taatullee wal jajjabeesuu wayya. "Ammoo waan sirbaa oromoo gadi qabeti jiraa" jechuudhaan, itti fufteellee "Copyright (seera malee sirba abbaa qabu sirbuun) heddattee sirba 20 tahu karuma irratti qarshii shaniin gurguruuf baatanii yaahan …. Namii gaafatulleen hin jiru" jetti. Teessoon Nahimaa amma Dirree Dhawaa. CD isii lammeessoo akka isiin jettetti “haalaan namatti toltu” baafachuuf irratti hojjachuutti jirti. Mee waan nu Nahimaa gaafanne keessa haga tokko caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG