Xurree ittiin seenan

Breaking News

Universitii Finfinnee keessatti, gumiin Aadaa fi Afaan Oromoo


oromo kids
oromo kids

summary goes here

Universitii Finfinnee keessatti, gumiin Aadaa fi Afaan Oromoo ykn (GAO)n eega hundeffame waggaa 5 ta’eera.Akeekii hundeffama gumii kanaa,guddina aadaa fi Afaan akkasumas Artii oromoo baratoota oromoo giddutti jajjabessuuf kana malees, baratonni kana keessatti qooda gama isaani akka ba'an gochuf akka ta'e, prezidaantii gumii kanaa Barataa Gololcha Baallii ibsee jira.

Torbanitti guyyaa tokko baratonni walaloolee, Asoosamaa fi wallelee aadaa dhiyessuun kan wal argan yoo ta'u, darbee darbees beektootaa fi keessummoota afeeruun, muxannoo aadaa qaban akka baratotaaf ibsan kan taasifamuu ta'u Barataa Goloolcha ibsee, wellistoota oromoo beekamoo Finfinnee keessaa afeeruun kan irratti hirmaatan ta'u hubachise.

Waggaa barnootaa jalqabaa fi xumura irratti qophii agarsiisa aadaa kan addaa akka qabaatan,dhuma waggaa irratti immo eebbifamtoota kan ta'an baratoota oromoof guyyaa eebbaa addaatti qophessun,kitaaba suuraa eebbifamtootaa qabatee ba'u gumiin kun ka maxxansisuu ta'u, prezidaantiin gumii kanaa Barataa Gololcha Baallii ibsee jira.

Hojii kana gaggeessuuf kan ooluu barataan oromoo mooraa univarsitii Finfinnee keessa jiru hundumtuu ji'a ji'aan qarshii lama lama kan buusuu ta'u, kunis barreefamoota ammaan dura qopha'anii jiran akka kitaabaatti maxxansisuu kan hin dandeesiifne ta'u kan ibsee barataa Gololcha, gara fuula duraatti marsaa internetti fi 'Face book' irratti hojii gumii kanaa baasuuf carraaqaa waan jiraniif,gargaarsi oromoota maraa kan fedhan ta'u dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG