Xurree ittiin seenan

Lafa Oromoo Eenyutu Saame?

  • Jaallannee Gammadaa

Abbaay Tsahaayyee (Bitaa) fi Eermiyaas Laggasaa (Mirga)

Abbaay Tsahaayyee (Bitaa) fi Eermiyaas Laggasaa (Mirga)

Sadarkaa ministeeraatti Daayreekteera waaltaa qorannaa Imaammataa fi gorsaa mummicha ministeeraa kan ta’an Obbo Abbaay Tsehaayyee bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi kan Oromiyaatu walii wajjiin maastar plaanii Finfinnee irratti hojjate jedhu. Garuu itti gaafatamtoota bulchiinsa godina addaa oromiyaa kan bulchiinsa naanoo Finfinnee keessa jiranii fi abbootiin qabeenyaa kan Oromiyaas ta’e kanneen biroo komatan.

Kana hundumaa kan balleessan, kan saaman, kan saamsisan daldaltoota muraasaa fi qaama bulchitoota Oromiyaa kan godinaa addaa ti kan jedhan Obbo Abbaay warri akkasii kun akka itti gaafatamoo hin taaneef karaa tokko mastar plaanii gama kaaniin Motummaa Federaalaa fi Adda bilisummaa uummata Tigraay yknTPLF dha jedhu, jedhan.Uummanni Oromoo garuu eenyu lafa isaa akka fudhate eenyu akka isa miidhee rakkise eenyu akka isa saame , eenyu jireenya isaa irraa akka isa buqqise ni beeka jedhu Obbo Abbaay Tsehayyee.

Gama kaaniin walgahii hatattamaa kan Waldaan Qorannoo Oromoo mormii Oromiyaa keessaa kan ilaaleen sambata darbe jechuun Amajji 16 as Waashington keessatti gaggeesse irratti kan argaman obbo Ermiyaas Leggesee seenaa qabiinsa lafa Itiyoophiyaa kan ilaaleen ibsa bal’aa kennanii turan. Obbo Ermiyaas Leggesee mana marii bulchiinsa Fifinnee keessatti waggoota 10 caalaaf kan hojjatan waajiira IHADIG kan Finfinnee keessatti qondaala koree hojii rawwachiiftuu fi itti gaafatamaa ministeera dhimma komunikeeshinii mootummaa turan.

Lafa Oromoo naannoo Finfinnee akka lakkobsa Itiyoophiyaatti bara 1995 fudhatameef itti gaafatamaan Obbo Abbaay Tsehaayyee fi kaampaanii isaan keessaa harka qabani dha jedhan. Maaster plaaniin inni jalqabaa akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 1976 hanga bara 1878tti waggaa lamaaf qoratamee bara 1994 raggaasifame. Bara 1994 raggaasifamuu isaa duras hojii irra oole ture kan jedhan obbo Ermiyaas isa kanaan laftii bulchiinsa Finfinnee jala turan Heektaara kuma 21 irraa gara kuma 54 tti akka bal’atu gochuu ibsan. Kunis Oromiyaa fi bulchiinsa Finfinnee gidduutti saamiinsa aangoo waan fideef Aqaaqii, Kotobee fi Kaarraa Qoree Finfinnee jala akka seenan ta’e.Kunis kan fedhan gochuuf akka salphatuuf ture jedhu.Sana booda labsiilee irraa jala Obbo Abbaay Tsehaayyee faa basiisantu rakkoo amma mudateef sababaa ta’e jedhu.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG