Xurree ittiin seenan

Abbaa : Ijoollee Koo Sadan Manaa Gad Baasanii Ajjeesan

  • Jaallannee Gammadaa

Abbaa : Ijoollee Koo Sadan Manaa Gad Baasanii Ajjeesan

Abbaa : Ijoollee Koo Sadan Manaa Gad Baasanii Ajjeesan

Godina Arsii Bahaa, aanaa Robee, magaalaa Saddiiqaa keessatti umriin isaa 28 kan ta’ee fi abbaan ijoollee sadii Abdallaa Maammaa reebicha waraanni Mootumma irraan ga’een guyyaa lama booda du’u isaa jiraattonni nannoo ibsanii jiru. Achuma Godina Arsii Lixaaa, aanaa Shirkaa, magaalaa Gobeessaam ganda 01 keessatti immoo ijoollee isaanii - obbolaa sadii - waraanni mana isaanii keessaa gad baasee ajjesee jedhu maatii fi namoonni naannoo. Dargaggoonni sadeen jalaa ajjefamuu kan ibsan abbaan isaanii Obbo Jamaal Huseen akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Fuulbaana 30 bara 2009 gara galgalaa ajjefaman jedhu.

Sababaa Oromummaa isaaniif ajjefaman jedhu.Waa’ee ajjechaa ijoollee kiyya sadeenii kan naaf ibse tokko iyyu hin jiru jedhu.Ijoollee maatii gargaaran turan jedhanii Kan manatti hafan ijoollee xixiqqoo qofa jedhu.Bulchiinsi naannoo waa’ee ajjechaa namoota afuranii gaafatamanii naannoo sana hin turre, anis oduuman dhaga’ee jedhan.

Gabaasaa Guutuu kana cuqaasuun dhaggefadhaa

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG