Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaa Warraa Ajjeesanii Haadha Warraa Immoo Daa’ima xiqqoo Waliin Hidhan


Baatuu, Shawaa Bahaa
Baatuu, Shawaa Bahaa

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa godiina Shawaa Bahaa magaalaa Baatuu (Zuwaay) keessatti Wiixata Hagayya 15 bara 2016 halkan lafa Kibxatatti bari’u sa’aa 10 irratti raayyaan waraanaa mana jireenyaa Obbo Horaa Faajjisaa marsuun ajjesuu isaa jiraattonni dubbatanii jiru.Polisiin Oromiyaa dallaa ykn moraa manichaa akkasumas balbala manaa cabsee seenuu isaa kan ibsan jiraattonni humni Federaalaa immoo marsee eeguun namoonni nannoo mana isaanii keessaa akka hin baaneef balbala cufsisee eegaa ture jedhu.

Reeffi Obbo Horaa Faajjisaa lafa eega ture booda poolisoonni Hospitaala Baatuu geessanii kaa’uu isaanii dubbatan. Sana booda poolisiin Oromiyaa fi firoonni reeffa sana dhaqanii fudhuun naannoo dhaloota isaanii geessuun awwaalan jedhu.Haatii warraa Obbo Horaa garuu daa’iima xiqqoo waliin hidhamtee waan jirtuuf jecha awwaaluuf carraa hin arganne. Obbo Horaan abbaa ijoollee 4 ta’uun beekameera.Jiraattonni akka jedhanitti magaalattii keessa sodaa guddaan akka jiru, galgala galgala namoota daandii irratti tumuun hidhuun akka itti fufee, kaan immoo eessa buteen isaanii dhabamuu ibsamee jira.

Waajirri poolisii magaalaa Baatuu fi waajirri qorannoo yakkaa kan magaalaa Baatuu dhimma kana irratti deebii akka kennuuf gaafatamee didee jira.

Abbaa Warraa Ajjeesanii Haadha Warraa Immoo Daa’ima xiqqoo Waliin Hidhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:12 0:00

XS
SM
MD
LG