Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Mul'ata TeknooloojiI Komputaraa Beekamaan Du'aan Boqotan


Kampaniin Apple kaleessa galgala ibsa kenneen nama qaroomaa fi mul’ata qabu dhabne addunyaanis nama guddaa akkasii dhabde jedhee jira.

Steve Jobs bara 2003 keesa dhukkuba kaansarii rajijii qabaachuu isaanii kan baran si’a ta’u bara 2009 keessa immoo tiruun isaanii keessaa ba’ee ka biraan bakka bu’eefii ture.

Sababa fayyummaa isaaniif jecha hojii geggeessaa kampanii Apple ta’anii itti fufuu kan hin dandeenye ta’uu baatii Hagaya darbee keessa beeksisuu dhaan fedha ofiin hojii gad dhiisan.

Maatiin Mr.Jobs akka jedhanitti mana jireenyaa isaanii kutaa kaaliforniyaa, bakka maatiiwwan isaanii waliin turanitti kaleessa galgala du’aan boqotan.

Battaluma du’i isaanii dhaga’amettis hoogganoota addunyaa fi kanneen hojii isaanii ajaa’ibsiisatan biraa ergaan gadda itti dhaga’ame ibsu hedduun ergamuu jalqabe.

Nama mul’ata guddaa qaban akkasumas Mul’ata hegeree qaban kan kampanii Apple akka beekamu godhan turan.

Prezidaantiin Amerikaa Baraak Obamaa akka jedhanti Jobs ” nama afuura qarooma Amerikaa akka fakkeenyaatti mul’se” fi “Lammi Amerikaa waan haaraa uumuun beekamu” jechuun jejan.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa






Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG