Xurree ittiin seenan

Abiishee Garbaa Eenyu?

  • Namoo Daandii

Abiishee Garbaa nama baroota 1840moota keessa qondaala Gadaa Bulluq ture, Garbaa Hurruubaa fi dubartii jabduu fi abshaala daldaltuu turte Dagattee jedhamtu irraa dhalate. Garbaa Hurruuaa baroota 1850moota keessa Abbaa Duulaa Gadaa Bulluq tahuun eega waggoota afur ta'uuf eega tafjaajilee booda du'aan boqote.

Battaluma sanatti immoo Horro weerartoota Goojjamii itti cehaniin weerarame. Yeroo sanatti ennaa Horro Abbaa Duulaa filachuuf yaa'ii taa'u Abiisheen abbaa isaa bakka-bu'ee Abbaa Duulaa ta'uuf gaaffii dhiheesse. Dhaalmaan aangoo Gadaa keessatti kan hin baratamiin waan tureef garii ni morman.

Kaan, kanneen dargaggoota akka isaa turan immoo deggersa kennaniif. Abiisheen kanneen isa deggeran qabatee sirna Gadaa cabsuun taayitaa abbaa isaa dhaale, mootii tahuu isaa labsate. Akkuma aangoo qabateen, weerartoota Goojjamee mormor cehanii itti dhufan haleelee of irraa deebise. Kun immoo daranuu deggertoota isaa humna jabeesse. Mootota naannoo Horroo turanis garii humnaan kaan sossobbiidhaan aangoo isaa jala galfate. Akanatti bara 1855 irraa jalqabee hanga bara 1877tti aangoo isaa bal'ifatee.

Abboota duulaa gara jaatamaa tahanii fi lolee kuma kudha-shanii ol tahan tu isa jalatti bulaa ture jedhama. Bara 1877 garuu, weerartoota Goojjamotaan kan ergame nama Qadiidaa Wannabee jedhamuun gowwoomsamee Tulluu Kokor irratti harka diinota isaa seene. Akka qotiyyoo harootaan camadamee gara Goojjamitti geessame. Mormaa gadi awwaalamee, mataa isaatti sogiddi firfiursamee akka horii fi bineensi nyaatee fixu taasisame jedhama.

Hayyuu seenaa, kan kitaaba "Abiishee Garbaa fi Seenaa Gootota Oromoo Biroo" jedhu barreessuun maxxansiisan, Obbo Ginbaar Nagaraa waliin gaaffii fi deebii geggeessine guutummaa isaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

XS
SM
MD
LG