Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripxe Loltoonni Yaman Ijoollee Loltummaaf Fo’atu: Amnestii Internaashinaal


Ripxe loltoonni Yemeni kanneen Houthi jedhaman ijoollee umuriin isaanii hanga waggaa 15 dabalatee adda waraanaa irratti akka isaan lolaniif fo’ataa jira jechuu dhaan Amnesty International beeksisee jira.

Maatiiwwan ijoollee dhiiraa afur kan umuriin isaanii waggaa 15-17 gidduu jiru gareee mirga namaa kanaaf akka ibsanitti ijoolleen kun ripxe loltoota sanaan kan fo’aman Sana’aa keessaa ti.

Akka gabaasa har’a ifa ta’etti ijoollee sana keessaa lama bakka buutota Houthi kanneen mana barnootaa amantii keessaan kan fo’aman yoo ta’u maatiin isaanii quba hin qaban.

Amnestii International damee Beerutittiitti aanaa directorao kan ta’an Samah Hadis akka jedhanitti humnootiin Houthi ijoollee kana maatii isaanii jalaa fudhatanii ijoollummaa isaanii adda waraanaa bakka isaan du’uu danda’anitti akka dabarsan dirqisiisu jedhan.

XS
SM
MD
LG