Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afaan Oromoo Afaan Technolojii Ta’uun Hojjetaa Jira.


Sooftweerii Afaan Oromoo
Sooftweerii Afaan Oromoo

“Kompiyuutarri akkuma Afaan Ingliffaan ajaja fudhatu, Afaan Oromootiinis ajaja fudhatee deebii kennuu ni danda’a.” jedhu Dursaan adeemsa hojii waajjira ICT Oromiyaa obbo Fiixee Terefee.

Software ykn Mosajjii “openoffice.org” jedhamu Afan Oromotti hiikamee maqaan “Fuguga” jedhamu itti moggaafamuu dhaan waajjiraalee Oromiyaa keessa-tti hojii irra oolee jira.

Mosajjiin kun dhaabbata dhuunfaa “Dambi Trading” jedhamuun qophaa’e. Sooftweeronni hanga ammaa biyya keessatti itti fayydaman kan Afaan Inglizii qofaa waan ta’eef Mosajjii ykn sooftweeriin Afaan Oromootti hiikamuun isaa namoota Afaan Ingilizii hin beekne technologii jabanaa waliin wal barsiisaa jedhu Obbo Fiixiee Terefe dursaan hojii waajjira ICT Oromiyaa.

Mosajjii ykn Sooftweeriin Fuguga jedhu kun computerri akkuma Afaan Ingliziin ajaji yeroo itti kennamu fudhatee deebii kenn, Afaan Oromootiinis ajaja ni fudhata.

Mootummaan naannoo Oromiyaa immoo fiixaan ba’iinsa hojii softweerii kanaaf kan oolu maallaqa ramaduu dhaan dhaabbata Dambi Trading cina dhaabatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG