Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afaan Waaltessuun Jechoonni Naannoo Itti Guddatanii (Dialect) akka Dagatamaniif Miti


OBBO DABALA GOSHU AMANTE
OBBO DABALA GOSHU AMANTE

"Afaan oromoo caalaatti akka waalta’uu gochuuf, yeroo yerootti wal arganii mari’achuu fi irratti hojjachun barbaachisaa dha “ jedhu, Qindessaan konfraansii Finfinneetti geggeessamuuf jiruu, Obbo Dabalaa Goshuu Amantee


Konfraansiin waa’ee Afaan Oromoo irratti mari’atu, baatii Muddee bara 2010 magaalaa Finfinnee keessatti kan gaggefamuuf jiru ta’uu, qindeessaan konferensii kanaa, Obbo Dabalaa Goshu Amantee ibsanii jiran.

Yeroo ammaa Noorweey keessa ka jiru Univarsitii OSLOO keessatti,digirii Doktorummaa Afaan Oromoon argachuf hojjataa kan jiran Obbo Dabalaan, baatii Fulbaana bara 2010 nan xumura jedhu. "Jechoonni Afaan Oromoo barnoota sadarkaa adda addaa keessatti hojii irra oolaa jiran wal fakkaatoo ta’uu qaban," kan jehan Obbo Dabalaan kana gochufiis irra deebi’anii hojiin waaltessu akka itti fufuu qabu dubbatu. Dhimmi kun gama barnootaan qofa otoo hin taane, gama sabaa-himaanis (Media) ka rakkoo qabu ta’u eeran.

"Waan dagatamuu hin qabne garuu" jedhan Obbo Dabalaan, "jechonni godinaalee adda addaa keessatti sadarkaa gadiitti bartaman dhabamu qabu jechu miti, Waaltessuun waan giddu galeessa ta’e tokko irratti waliigalanii, jecha tokkoon gargaaramu danda’uu malee."

Hojii Afaan Oromoo waaltessuf gaggeefaman keessatti, Oromonni godinaalee oromiyaa mara keessaa walitti dhufani itti hirmaachun, rakkoo mudate kana xiqqeesuuf ka gargaaru ta’uu, Obbo Dabalaan hubachisanii jiran.

Konfraansii saganteffame kana irratti namoota hirmaatan ilaalchisee, keessumaa kanneen biyya keessaa kallattidhaan Afaan Oromoo irratti hojjataa jiran, kan akka waajira barnoota fi biroo aadaa fi Turizmii Oromiyaa, Gazexxesoota Televiziyoona, Radiyoo fi maxxansaalee Afaan oromoo adda addaa akkasumas biyya alaa keessaa, kanneen yeroo dheeraaf Afaan Oromoo irratti hojjataa turan, walgahii kana irratti kan hirmaatan ta’uu VOAf ibsan, Obbo Dabalaa Goshu Amantee, qindeessaan konfaransichaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG