WASHINGTON,DC —
Naayjeeriyaan dheebuu waancaa kubbaa miilaa Afrikaa argachuuf ganna 19 caalaa itti dheebottee kalee Gurrandhalaa 10,2013tti baate.Burkiina Faasoo 1-0 moohattee waancaa fudhatte.
Goolii takkitti Naayjeeriyaa tana Sunda Mba,gurbaa biyya tanaa jidduu keessa taphatutti taphii jalqabaa dhumachuuf daqiiqaan jaha hafee jennaan goolii keessaa buuseef.
Leenjisaan garee Naayjeeriyaa Stepen Keti, akkuma ummata biyya teennaa gammachiifnee gallaa jennee goonee deebinee jedhe.
Naayjeeriyaa fi Brukina Faasoon gama kubbaa miilaatiin humna wal qixxee tahuu baatanillee Naayjeeriyaan biyya tana goolii tokko qofa itti galchuun Burkiinaa Faasoon garee kubbaa miilaa jabduu akka qabdu agarsiifti.
Burkinaa Faasoo fi Naayjeeriyaalleetti edaa fi edanaa qofaa mitii borii fi iftaanillee gammachuu.
Nugusuootii kubbaa miilaa Afirkaa Arbii Ivoray Coast,Bafana Bafana Afrikaa Kibbaa, Neencii Morookoo,geedaltii Algeeriyaa, Chipolopon Zambiyaa faan akka durii eeganitti hin taane.
Dandeettii kubbaa miilaa Afrikaa gama Dhiyaa qofaa mitii gama Bahaatii fi gama kaanillee maruutti jirti. Akkuma taateefuu dorgommii baranaa akkam turte,dorgommii waancaa kubbaa miilaa baranaa maan maaniin qaabattan?
Mee qophii Ispoortii ta hardhaa caqasaa.